Logo Lanfrica

QAACCESSA WEEDDUU CIDHAA MANA MISSIRRITTI WEEDDIIFAMU GODINA BAALEE AANAA GOBBAA

Domain:

socioeconomic
Creator:
BIR
Editor:
Kad
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Qorannoon kun kan irratti adeemsiifame Weedduu Cidhaa Mana Missirritti Weeddifamu Godina Baalee Aanaa Gobbaa qaaccessuurratti ta’ee Ka’uumsa qorannoo kanaas kanaan dura bifa qindaa’een qoratamuu dhabuufi muuxannoo qaburraas weedduun kun akka duraanii bakka cidhaatti weeddifamuu dhabuu isaati. Kaayyoon qorannichaas sirna raawwii weedduu cidhaa mana missirrittitti weeddifamu hawaasa Oromoo Aanaa Gobbaa qabiyyeen qooduun qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf odeeffannoon madda ragaa tokkoffaarraa maanguddoota, hawoota, shamarranifi hojjattoota waajjiira aadaafi turizimii waa’ee weedduu kana gadiifageenyaan beekaniirraa argame; mala iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu akkayyoofi eeruu gargaaramuun iddattoonni filatamaniiru. Odeeffannoon meeshaa fuunaansa ragaalee daawwannaa, afgaaffiifi marii gareetiin walitti qabaman mala akkamtaan hiikni itti kennamee jira. Adeemsi isaas guyyaa harka dhawaa maanguddoonni, dubartoonnifa’a weeddisuun jalqaba; gaafa cidhaas weedduu ergaa dhimma hawaasummaafi dinagdee ofkeessaa qabani weeddisuun sirna sana midhagina kennuu. kanamalees, ergaawwan adda addaa hiika kallattiifi alkallattii ta’e missirrittii jajuun, abbaafi haadha missirrittii farsuun, missirrittiin immoo ayyukkoo dhahuun waan itti dhagahamee gammachuu, gadda, marartee, geegawoo gaafachuufa’a weedduun dabarfatu. Hawaasa naannoo sana biratti jaalatamaafi bashannansiisaa kan ture yeroo ammaa itti hirmaachuun akka duubatti hafoo ta’anitti oflakkaa’ufi karaa amantiitiiniis weedduun dhorkaa ta’ee jiraa. Hirmaattoonni weedduu kanaas dubartoota, shamarran, maanguddotafi dargaggoota akka ta’an mirkaneffameera. Afwalaloon kun falaasama hawaasaa ni mul’sa, safuu hawasaa nibarsiisa. Kanaafuu, dhaloonni ammaa immoo qorannoo akka kanaa gaggeessuun osoo hin badiin bifa barreeffamaan dhaloota boriif osoo kaaye. Barsiisoonni Afaan Oromoo gumii keessattifi aadaa kee barii qophessuun daawwachiisuufi barreeffamaan kaa’uun barattoonni akka aadaa isa ganammaa kan bu’aa qabutti deebi’an gochuu. Aadaafi tuurizimii Aanaa Goobbaa keessatti weedduu kana maanguddotafi hawwoota irraa walitti qabuun qindeffamee bifa barreefamaan osoo kaa’amee.4
 

Similar