Logo Lanfrica
  • Home
  • Atlas
  • Insights
  • Docs
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. All rights reserved. All copyrights of the resources shown on the Lanfrica website belong to the original copyright holders, unless explicitly stated otherwise.

XIINXALA TAPHA IJOOLLEE OROMOO BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEE

Creator:
IBR
Editor:
Bar
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Qorannoon kun “Xiinxala Tapha Ijoollee Oromoo Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee” irratti xiyyeeffate yoo ta’u, sababni qorannoon kun barbaachiseef irraanfatamaa dhufuu tapha ijoollee, xiyyeeffannoon taphoota kanaaf kennamuu dhabuu, taphoota ammayyaatiin liqinfamuu taphoota ijoollee kanaaf fi aanaa kanatti kallattii kanaan qorannoon gaggeeffame jiraachuu dhabuu isaati. Haaluma adeemsa hojii qorannoo kanaa keessaa gosa qorannoo kanaaf kan fayyadame mala akkamtaa ti. Kanuma bu’uura godhachuun ragaalee madda tokkoffaa irraa daawwannaan, marii garee fi afgaaffii hin caaseffamne fayyadameen iddattoota xiyyeeffannoon mala akkayoo fi darbaa dabarsaan filataman irraa guurradheen qaaccesse. Qaaccessi kunis, kutaa lamatti qoodamee dhihaate. Isaanis, kutaa jalqabaa jalatti qaaccessa ragaalee daawwannaan funaanamee fi kutaa lammaffaa jalatti qaaccessa ragaalee marii garee fi afgaaffiin funaanname ture. Kanuma bu’uura godhachuun, argannoon qorannoo kanaa aanaalee kanneen keessatti gosootni tapha ijoollee bu’uura qabiyyyeen hedduu ta’uu isaaniiti. Yoomessa irratti hundaa’ee taphoota galgala, guyyaa fi kanneen yoomessa bal’aa qaban akka ta’e adda bahe. Karaa biraan bu’uuruma yoomessaan kanneen yoomessa murtaawaa fi yoomessa hin murtoofne kan qabanii dha. Akkaataa dhiyaataniinis, kanneen jechaan, gochaan, jechaanii fi gochaan dhihaatanii fi kanneen gareenii fi lama lamaan dhihaatanii dha. Haala taphatamaniin bifa gaaffii fi deebiitiin akkasumas, bifa waliin dubbiitiin kanneen taphatamanii dha. Faayidaa isaaniin jabina qaamaa cimsu, dandeettii afaanii gabbisu, si’oomina horachiisa, aadaa hawaasaa barsiisa, lakkoofsa barsiisa, seera barsiisuu, miira dorgommii uumuu, waliif ajajamuu barsiisuu fi kabaja jireenya hawaasummaa isaan barsiisa. Maatiinis hirmaannaa kallattii fi alkallattii qabu. Haala taphoonni kun yeroo ammaa irra jiranii fi dur uummatichi itti fayyadamaa tureen sababa aadaa hawaasichaa irra dhiibbaan gahuuf badaa kan jiranii dha. Maatiin dur kallattiin barsiisuu turan, yeroo ammaa garuu haalli duraanii sun kan hin jirree dha. Kanarraa ka’uudhaan rakkoolee kanneen hir’isuuf dhimmoonni akka: tapha ijoollee suuraa fi sagaleen waraabanii dhalootaaf hambaa godhanii kaa’uu, hawaasni sadarkaa sadarkaan jiran dhimma tapha ijoolleef akka bakka kennan gochuuf, Waajjira Aadaa fi Turizimii kanneen aadaa keessatti hammatamuu qaban irratti ogeeyyii qorachiisee osoo bakka argachiisee, qorattoonni dhimma tapha ijoollee kanarratti qorannoo kana ka’umsa godhachuun kallattii garagaraan akka ilaalanii fi yaada gara fuulduraatiif furmaata barbaaduun yaboo qorannoo kanaati.4
 

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

KaanMadaMalaMbayOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similar

Akkaataa Raawwii Tapha Ijoollee Oromoo MaccaaXIINXALA SIRNA GUDDIFACHAA DAA"IMMANII OROMOO GODINA BAALEE AANAA SINAANAARAKKOO BARATTOONNI AFAAN AMAARAATIIN AFAAN HIIKKATAN YEROO AFAAN OROMOO DUBBISAN ISAAN MUDATU XIINXALUU (XIYYEEFFANNOO GODINA BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEE MANA BARUMSA SADARKAA LAMMAFFAA JIBRIIXIINXALA FIXATA GUMAA HAADHA MANAAFI ABBAA MANAA OROMOO BAALEE, AANAA SINAANAAXIINXALA RAAWWII ABAARSAA OROMOO SIIKOO-MANDOO KAN GODINA BAALEE AANAA GOOBBAAXIINXALA MOGGAASA MAQAA MISIRROO: HAALA GODINA BAALEE, AANAA AGAARFAA

Akkaataa Raawwii Tapha Ijoollee Oromoo Maccaa

Kaayyoon qorannoo kanaa akkaataa raawwii tapha ijoollee xiinxaluudha. Ijoolleen haalota taphoonni ke

XIINXALA SIRNA GUDDIFACHAA DAA"IMMANII OROMOO GODINA BAALEE AANAA SINAANAA

Kaayyoon qorannoo kanaas sirna guddifachaa daa"immanii qaaccessuudha. Qorannoon kun saxaxa qorannoo

RAKKOO BARATTOONNI AFAAN AMAARAATIIN AFAAN HIIKKATAN YEROO AFAAN OROMOO DUBBISAN ISAAN MUDATU XIINXALUU (XIYYEEFFANNOO GODINA BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEE MANA BARUMSA SADARKAA LAMMAFFAA JIBRII

Kaayyoon qorannichaa inni guddaan rakkoo barattoonni Afaan Amaaraatiin afaan hiikkatan yeroo Afaan O

XIINXALA FIXATA GUMAA HAADHA MANAAFI ABBAA MANAA OROMOO BAALEE, AANAA SINAANAA

Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon fixata gumaa abbaa manaatiin qaama nafa haadha manaa irra gahe xi

XIINXALA RAAWWII ABAARSAA OROMOO SIIKOO-MANDOO KAN GODINA BAALEE AANAA GOOBBAA

Axereeraa   Kaayyoon qorannoo kanaa haala adeemsa raawwii abaarsaa hawaasa Oromoo keessa jiru kan

XIINXALA MOGGAASA MAQAA MISIRROO: HAALA GODINA BAALEE, AANAA AGAARFAA

Qorannoon kun xiinxala moggaasa maqaa misirroo haala Godina Baalee, Aanaa Agaarfaa irratti kan gagge