Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon fixata gumaa abbaa manaatiin qaama nafa haadha manaa irra gahe xiinxaluudha. Haaluma kanaan qaama nafa ishee irra miidhaa dhaqqabe sakatta"uun qaaccessameera.Galma gahiinsa kaayyoo kanaatiif qorattuun saxaxa qorannoo addeessaafi mala akkamtaatti dhimma baatee jirti.Adeemsa qorannoo keessatti Oromoo Goodina Baalee Aanaa Sinaanaa keessaa gandoota Hora Booqaafi Naannawa Roobee xiyyeeffannoo qorannoo kanaa ta"uun filatamanii jiru. Gandootni Aanaa Sinaanaa lamaan kunniin tooftaa iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu kaayyeffatamaatti gargaaramuun kan filataman yoo ta"u; maanguddoota diigdamii tokko kan raawwii sirna fixata gumaa hubannoo gahaa qaban, keessattis kan hirmaataa turaniifi iddatteessuu darbaa dabarsaatiin filatamaniiru. Itti aansuun tooftaa af-gaaffii, marii garee xiyyeeffannoofi daawwannaa fayyadamuun ragaalee qorannichaa funaanuun erga seeraan qindaahee booda mala qorannoo akkamtaatiin qaaccessitee jirti.
Haaluma kanaan odeeffannoo sassaabame irraa hubachuun akka danda"amutti warri intala isaanii yoo gurguratan qaamoota nafa ishee keessaa isaan yeroo baay"ee miidhamaaf
saaxilaman kanneen akka ijaa, gurra, ilkaan, addaafi mataa, xiyyeeffannnoon addaa ni kennamaaf. Qaamoota haadha manaa gumaan bahuuf keessaa isaan ijoon gurra, ilkaan, ija, funyaan, dhahaa kallachaayoota"anqaamootni mormaa olii miidhamankun akkaatuma bu"aafi barbaachisummaa qaamaa horii shanii (5) hamma torbaa (7) tti kafalamuu ni danda"a.
Haaluma kanaan waldhabbii haadha manaafi abbaa manaa irraa kan ka"e miidhaa cimaa ishee irratti dhaqqabe gumaadhaan fixuuf jecha wantootni raawwataman isaan ijoon eebbaan dubbii baname, yaala yookan ogeessa, shaaffee (waan isheen nyaattu, kan dhiiga isii deebisuuf) miidhamtuu kennameef,fira, araara, gulantaa eebba kennuufi inni dhumaa araaraan xummuruudha. Dhumarratti,qaamonni dhimmi isaan ilaallatu kanneen akka waajjira aadaa fi turiizimii aanaa sinaanaa sirna fixaa gumaa haadha manaafi abbaa manaa kana ilaalchisee carraa garaagaraa uumuun hawaasni naannichaa akka irraa baratani akkasumas aadaa kana cimsatan osoo godhanii hedduu gaarii ta'a. Dabalataan aadaan bareedaa akkanaa kun dhaloota itti aanutti cehuun akka kunuunsamuuf adeemsaafi raawwiin isaa hundi barreeffamaan taa"uun barbaachisaa akka ta"e qorattuun amaanaa jetteejirti. 3