Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

Adeemsa dhamsagaa daangaa dhamjecha Afaan Oromoo irratti

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
IkrEebTas
Éditeur:
Afr
Hôte:
Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa jijjiirama amala dhamsagaa daangaa dhamjechootaa irratti mul’atu xiinxaluudha. Adeemsi dhamsagaa jechoota Afaan Oromoo keessatti mul’atan kanaan dura qorattootaan qoratameera. Haata’u malee, jijjiirama amalaa dhamsagoonni agarsiisan daangaa dhamjechaarratti dhamsagaafi gurmuu isaaniitiin raawwatu bal’inaan hinxiixalamne. Ka’umsi qorannoo kanaa, adeemsi jijjiirama amala dhamsagaa jecha qeenxee, dhamjecha hi’eentaa daangaa jechaafi daangaa jechoota diigala uuman irratti qorannoolee kanaan duraa keessatti qaawwi jiraachuusaati. Ragaaleen qorannoo kanaa dubbattoota Afaan Oromoo irraa bifa haasaatiin kan walitti qabameefi qorattuun mataansii dubbattuu Afaan Oromoo waan taateef, akka madda ragaatti tajaajilteerti. Tooftaa iddatteessuu kaayyeffataa hordofuun maddoota ragaa irraa ragaaleen walitti qabaman jechaan xiinxalamaniiru. Qorannoon kun akaakuu qorannoo akkamtaa yoo ta’u, malli xiinxala ragaa addeessaa hojirra ooleera. Adeemsi dhamsagaa afaanii afaanitti haala adda addaatiin mul’achuun adeemsa kana xiinxaluuf yaaxxinni maddisiisaa xiinsagaa hojiirra kan oole ta’uyyuu, garagaarummaa ibsi yaaxxinaa afaanirratti qabu qorattuun ibsa mataasiitiin addeessite. Bu’uruma kanaan, argannoon qorannoo akka agrsiisutti adeemsa dhamsagaa irratti jijjiiramni unka jechaafi hariiroon dhamsagootaa jecha ykn daangaa jechootaa irratti nimul’ata. Jechoonni akka gadifi yaa’uu yookiin gadifi deebii akkasumas, gadifi jallaa jedhan dubbachiiftuu /i/ haquun unka [gayyaa?uu (gajjaaʔuu), gaddeebii, ggajjalla (gaʤʤallaa)] jedhamutti jijjiiramu. Dabalataanis, dhamjechi hi’eentaan [hin] jechoota akka nyaate-, waami-, moo’i fi boo’e irratti dabalamuun [hinyaatu (hiɲɲaatu), hiwwaamu, himmoo’u (himmoo?u), himboo’u (himboo?u)] jedhamuun unka jechaa jijjiruun firoommii guutuufi gamisaa nitaasisu. Dhamsagni kokkee lootuun hi’eentaa wajjiin hiriiruun jechoota akka [hinaqu (hinak’u), hineerumu, hinimu, hinokkolu, hinuursu] irratti adeemsa dubbifamaa haquufi dubbachiiftuu funyeessuu raawwata. Dabalataan diigalliifi adeemsi danoomina maqaa Afaan Oromoo adeemsota akka haquu, walbaqachuufi firoommii keessa darbuusaa argannoon qorannichaa nimul’isa. English Abstract The purpose of this study is to analyze the phonological processes which occur at morpheme and/or word boundaries. The phonological process of Afaan Oromoo that exists at lexical level has already been studied by several researchers. However, those which occur at morpheme and/or word boundaries have not been thoroughly analyzed. For this research, the phonological processes which occur at lexical, morphological negation and compounding levels are the focus areas. Data were collected from the native speakers of Afaan Oromoo. The researcher also served as data source as she is a native speaker of the language. The data were collected following a purposive sampling strategy and analyzed thematically based on linguistic procedures. Descriptive method, which employs morpheme-by-morpheme glossing style was applied for the analysis. Although generative phonology is applied as a theory of analysis, the researcher explained language specific features using her own explanation. Accordingly, the findings show phonological changes in structures of words and across morpheme and word boundaries. For example, words with beginning with /j/, /ʤ/, /d/, /ɲ/, /m/ consonants (such as [gajjaa’u, gaʤʤallaa, hiɲɲaati and himmoo?u]) form complete assimilation whereas those beginning with /b/ (such as [himboo?u, himbulu, himbu?u]) form partial assimilation. The glottal fricative phoneme /h/ patterns with the negation particle /hin-/ such as: [hinak’u, hineerumu, hinimu, hinokkolu, hinuursu] cancels the initial consonant of the stem and nasalizes the vowel. Moreover, the study reveals that epenthesis can occur during the phonological processes, such as deletion, affixation, and assimilation. Keywords: Afan Oromo, assimilation, negative marker, prefix, morpheme boundaries

Visit

doi.org

Languages

KaanMadaMalaMbayOromoOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

https://creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0

Similaires

Xiinxala Adeemsa Ibsa Jechootaa Afaan Oromoo: Adeemsa Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo Jechootasaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoof Ibsurratti Kan XiyyeeffateXIINXALA DOGOGGORA BARATTOONNI AFAAN OROMOO DUBBISUU IRRATTI QABAN: MAGAALA FINFINNEE MANA BARUMSAA JENERAAL TAADDASAA BIRRUU KUTAA 10FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE.XIINXALA TOOFTAALEE HIIKA JECHOOTA AFAAN OROMOO BARSIISUU: MANA BARUMSA QOPHAA'INA GEEDOO KUTAA 11FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATEWARAQAA QU'ANNOO BARREEFFAMA AFAAN OROMOO TAAPPEELLAAWWAN IRRATTI MUL'ATAN KEESSAA KANNEEN GUDDINAA FI DAGAAGINA OG-BARRUU AFAAN OROMOORRATTI DHIIBBAA FIDAN QU'ACHUUF QOPHAA'EXIINXALA YAAD-DEEBII BARSIISONNI BARREEFFAMA AFAAN OROMOO BARATTOOTAAF KENNAN: MANA BARUMSAASADARKAA 2FFAA DIIMTUU KUTAA 9FFAA IRRATTI XIYYEEFFATE.Boolla Dhiigaa: Addeessa adeemsa raawwii araara buusuu Oromoo Salaalee

Xiinxala Adeemsa Ibsa Jechootaa Afaan Oromoo: Adeemsa Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo Jechootasaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoof Ibsurratti Kan Xiyyeeffate

Qorannoon kun adeemsa Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo jechoota moggaasu i

XIINXALA DOGOGGORA BARATTOONNI AFAAN OROMOO DUBBISUU IRRATTI QABAN: MAGAALA FINFINNEE MANA BARUMSAA JENERAAL TAADDASAA BIRRUU KUTAA 10FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE.

GORSAA ALAMAAYYOO TAAFFASAA (MA) AXEREERAA Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, dogoggora dubbisuu barat

XIINXALA TOOFTAALEE HIIKA JECHOOTA AFAAN OROMOO BARSIISUU: MANA BARUMSA QOPHAA'INA GEEDOO KUTAA 11FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

FILEE JAALATAA (PhD) Kaayyoo gooroon qorannoo kana tooftaalee hiika jechootaa Afaan Oromoo barsiisu

WARAQAA QU'ANNOO BARREEFFAMA AFAAN OROMOO TAAPPEELLAAWWAN IRRATTI MUL'ATAN KEESSAA KANNEEN GUDDINAA FI DAGAAGINA OG-BARRUU AFAAN OROMOORRATTI DHIIBBAA FIDAN QU'ACHUUF QOPHAA'E

Qu’annoon kun rakkoolee barreeffama Afaan Oromoo Taappeellaawwan irratti mul’atan keessaa kanneen gu

XIINXALA YAAD-DEEBII BARSIISONNI BARREEFFAMA AFAAN OROMOO BARATTOOTAAF KENNAN: MANA BARUMSAASADARKAA 2FFAA DIIMTUU KUTAA 9FFAA IRRATTI XIYYEEFFATE.

AXEREERAA Kaayyoo waraqaa qoraannoo kanaa, yaad-deebii barsiisonni barreeffama Afaan Oromoo baratoot

Boolla Dhiigaa: Addeessa adeemsa raawwii araara buusuu Oromoo Salaalee

Uummanni Oromoo Salaalee bakka araara gumaa itti raawwatu Boolla Dhiigaa qaba. Gumaan daabaa ajjeech