Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

Akkaataa Raawwii Tapha Ijoollee Oromoo Maccaa

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
DebJaaWaa
Éditeur:
Jor
Hôte:avatar
Kaayyoon qorannoo kanaa akkaataa raawwii tapha ijoollee xiinxaluudha. Ijoolleen haalota taphoonni keessatti taphatamaniifi hojii qooda itti fudhatan waliin walqabsiisanii raawwilee adda addaa akkaataa gargaraan raawwachaa taphatu. Qorannoon kunis, ijoolleen taphoota taphatan keessatti akkamitti akka hirmaatan, garee yookaan dhuunfaan ta’uu, gareen taphaa akkamitti akka ijaaramu, raawwilee akkam akkamii akka raawwataman, tapha akkamitti akka jalqaban, akkamitti akka adeemsisaniifi xumuran qo’achuun hiika raawwileefi adeemsota kanaa qorachuurratti fuuleffata. Qorannoon kun bu’uura yaadxinoota: tajaajilaa, galumsaafi ijaarsa hawaasummaatiin adeemsifame. Ragaaleen qorannichaas aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Gachii, Najjoo, Waayyuu Tuqaafi Jimmaa Gannatiitii ijoollee, maatii ijoolleefi barsiisotarraa sassaabame. Qorannichi ragaalee ijoolleerraa bakka hojii adda addaa hojjetanitti (horii tiksan, midhaan eegan, mana eegan, barumsa baratan), bakkeen taphaa adda addaatti (laga daakaa, dirree kubbaa, naannoo qe’eetti) fi yeroo ga’eeyyii waliin dabarsanitti (galgala galgala maatii keessattifi mana barumsaatti barsiisota waliin) sassaabameen geggeeffame. Kunis daawwannaa, afgaaffiifi marii garee hirmaachisaatiini. Xiinxalliin ragaalees, taphoonni ijoollee gareefi dhuunfaan taphatan akka jiran, gareen taphaa filannoon ta’ee carraatiin, akka walitti dhiheenya ijoolleettifi fedhii/filannoo nama taphicha jalqabsiisee fa’iin akka ijaaramuu danda’u agarsiisa. Kana malees, tapha keessatti hirmaachuufi jalqabuuf ka’umsifi sababni garagaraa akka jiru, taphoota adda addaa keessatti ijoolleen raawwilee adda addaa akkaataa adda addaa raawwachaa akka taphataniifi taphoonni sababa garagaraarraan kanka’e akkaataa gargaraan akka xumura argatus niagarsiisa. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 2 No. 2 (2024): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ) Jildii 2, Maxxansa 2

Visit

doi.org

Languages

NdauOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Tags

akkaataaijoolleeraawwiitapha

Licenses

Creative Commons Attribution Non Commercial 4.0 Internationalhttps://creativecommons.org/licenses/by-nc/4.0/legalcode

Similaires

XIINXALA TAPHA IJOOLLEE OROMOO BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEEYoomessa Taphni Ijoollee Oromoo Maccaa keessatti TaphatamuFaayidaalee Sirba Gaa’elaa Oromoo Jaawwii MaccaaDubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa KeessattiBoolla Dhiigaa: Addeessa adeemsa raawwii araara buusuu Oromoo SalaaleeXiinxala Yoomessaafi Ergaawwan Sirboota Gundoo Booree Oromoo Jaawwii Maccaa

XIINXALA TAPHA IJOOLLEE OROMOO BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEE

Qorannoon kun “Xiinxala Tapha Ijoollee Oromoo Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee” irratti xiyyeeff

Yoomessa Taphni Ijoollee Oromoo Maccaa keessatti Taphatamu

Ijoolleen akka garee hawaasaatti jireenya keessatti qooda fudhatan niqabu. Qoodni hawaasummaa kun yo

Faayidaalee Sirba Gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa

Kaayyoon qorannoo kanaa faayidaalee sirbi gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa qabu xiinxaluudha. Qorannoo

Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti

Qorannoon kun mataduree “Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti” jedhu irratti g

Boolla Dhiigaa: Addeessa adeemsa raawwii araara buusuu Oromoo Salaalee

Uummanni Oromoo Salaalee bakka araara gumaa itti raawwatu Boolla Dhiigaa qaba. Gumaan daabaa ajjeech

Xiinxala Yoomessaafi Ergaawwan Sirboota Gundoo Booree Oromoo Jaawwii Maccaa

Qorannoon kun xiinxala yoomessaleefi sirboota gundoo booree Oromoo Jaawwii Maccaarratti xiyyeeffata.