Ijoolleen akka garee hawaasaatti jireenya keessatti qooda fudhatan niqabu. Qoodni hawaasummaa kun yoomessa adda addaa keessatti adda addummaa qabaata. Yoomessi taphaa mataasaatiin taphaaf haalli mijataan jiraachuufi dhiisuu, akkasumas, akaakuu tapha ijoolleen taphachuu danda’an murteessa. Fakkeenyaaf yeroofi waqtilee adda addaa keessatti wantootni hawaasni raawwatuu itti gaafatamummaa yookaan qooda adda addaa ijoolleen fudhatan murteessa. Itti gaafatamummaan adda addaa sababii adda addummaa yeroofi waqtileetiin isaan qooddatanii raawwatan, taphoota akkam akkamii taphachuun akka mijatuufi hinmijanne agarsiisa. Kana malees, bakki jireenyaafi oolmaa ijoollees wantoota qoodasaanii murteessan keessa tokko. Bakki jireenyaa magaalaafi baadiyyaa ta’uu waliin kan walqabatu yoota’u, bakki oolmaammoo yeroo boqonnaafi hojii iddoo ijoolleen itti dabarsan ilaallata. Qorannoon kunis ijoolleen Oromoo Maccaa yeroo, waqtiileeniifi bakkeen isaan keessa jiraatan itti gaafatamummaa isaan fudhatan murteessuun tapha isaaniirratti dhiibbaasaan geessisan qorachuurratti xiyyeeffata. Qorannoon kun bu’uura yaadxinoota: tajaajilaa, galumsaafi ijaarsa hawaasummaatiin adeemsifame. Ragaaleen qorannichaas aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Gachii, Najjoo, Waayyuu Tuqaafi Jimmaa Gannatiitii ijoollee, maatii ijoolleefi barsiisotarraa sassaabame. Qorannichi ragaalee ijoolleerraa bakka hojii adda addaa hojjetanitti (horii tiksuu, midhaan eeguu, mana eeguu, barumsa baratan), bakkeen taphaa adda addaatti (laga daakaa, dirree kubbaa, naannoo qe’eetti) fi yeroo ga’eeyyii waliin dabarsanitti (galgala galgala maatii keessattifi mana barumsaatti barsiisota waliin) sassaabameen geggeeffame. Kunis daawwannaa, afgaaffiifi marii garee hirmaachisaatiini. Bu’aan xiinxalliin ragaalee kanaas, Oromoo Maccaa keessatti ijoollee yeroo, bakkeeniifi waqtilee adda addaa keessatti taphoota gosa adda addaa akka taphataman agarsiisan. Kunimmoo yoomeessi tapha ijoolleen tapha ijoolleen taphatan akka murteessu mul’isa. Kanaaf, gosoota taphaa ijoolleen Oromoo Maccaa taphatan adda baasuufi guutummaatti hubachuuf yoomessa fuuleffachuun barbaachisaa ta’a.
Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 1 No. 2 (2023): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ) Volume 1 Issue 2