Kaayyoon Qorannoo kanaa Sirnaafi fakkoommii Eebba Jaarsummaafi Daboo qaaccessuudha. Adeemsa kana keessatti: qabiyyee eebbaa, faayidaa eebbaa, sirna eebbaafi fakkoommiin qaacceffamanii jiru. Barbaachisummaan qorannoo kanaas, labata (dhaloota) haarawa biratti waa’ee afoolaa hubannoofi ilaalcha gaarii uumuuf, ogbarruu Oromoo cimsuufi akka ka’umsaatti qorannoo biraatiif bu’uura buusuudha. Qorataan qorannoo kana gaggeessuuf yaaxxina qorannoo faayideessummaa (Functional Theory) fayyadameera. Qorannoowwan mata duree qorannoo kanaan walfakkeenya qaban tokkummaafi garaagarummaa isaanii wal bira qabuun xiinxalamaniiru. Qorataan gosa qorannoo akkamtaa keessatti mala ibsaatti fayyadamuun ragaalee afgaafii, marii gareefi daawwannaan funaanaman baldhinaan qaaccessee jira. Qorataan madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaa mala iddatteessuu miti carraa fayyadamee iddattoo filachuun dhimma itti baheera. Eebba jaarsummaafi daboo keessatti yoomessi isaanii maal akka fakkaatufi qabiyyeen isaanii ibsameera. Argannoon qorannoo kanaa eebbi jaarsummaafi daboo qabiyyeewwan nageenya, siyaas-diinagdee, hawaasummaafi badhaadhina giddu galeeffatee kan eebbifamuufi tartiiba mataa isaa kan qabuudha. Gama biraatiin eebba jaarsummaafi daboo keessatti hiikin fakkoommiwwanii maal akka ta’e baldhinaan ibsamee jira. Akkasumas, yeroo ammaa afoolli kun dagatamaa jiraachuufi dagatamuu afoolaatiif wantoonni sababa ta’an waliin jireenya sabaafi sablamootaan dhaloonni afoola dhuunfaa isaa gatuu, amantiileefi teeknoloojiin dhiibbaa mataa isaanii qabaachuun bira ga’ameera. Kanaafuu,waliin jireenyi sabaafi sablammootaa akkuma jirutti ta’ee dhaloonni wantoota eenymmaa isaa ibsan jabeeffachuu qaba. Akka yabootti qabxiileen xiyyeeffannoo argachuu qaban Waajjirri Aadaafi Tuurizimii aanaa hayyoota dabalatee hidda latiinsa Oromoo aanicha keessatti argamaniin afoola isaanii adda baasuun walitti qabee akkaataa dhaloonni irraa barachuu danda’utti yoo qindeessee dhiheesse rakkoo kanaaf fala ta’a. 3