Logo Lanfrica

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA DAA'IMMANIIN WALQABATAN: GODINA BAALEE AANAA BARBAREE XIYYEEFFATE

Domaine:

natural language processing
Créateur:
NAA
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Axareera Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyeewwan mammaaksota daa’immaniin walqabatan Godina Baalee, Aanaa Barbaree qorachuudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa fayyadamuun maangudoota, barsiisotaafi barattoottarraa ragaan kan funaanamedha. Iddattoon qorannoo kanaa hawaasa Aanaa Barbaree keessaa maanguddoota, barattootaafi barsiisota yemmuu ta’u isaan kunis mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkayyootti fayyadamuun namootni soddomii sadii filatamanii hojiirra oolaniiru. Malli ragaa qorannoon kun ittiin funaaname afgaaffiifi marii gareetiin yoo ta’u, malli ragaan kun ittiin xiinxalame mala akkamtaa, gosa qorannoo ibsaa fayyadamuun ragaawwan walitti qabaman barreessuufi hiikuun akkaataa walfakkeenya isaaniitiin xiinxalameera.Haaluma kanaan argannoon qorannoo kanaa akka mul’isetti, mammaaksotni Oromoo daa’imman waliin walqabatan guddina daa’immanii keessatti gahee guddaa qabaachuu isaanii qorannichi mirkaneessuun daa’imman qaama hawaasaa akka gatii guddaa qabanitti ilaaluufi hirmaannaa afoola keessatti qabaachuu hubatameera. Qabiyyeewwan akka dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi amantii bu’uureffachuun waldhabdee, iccitii, gootummaa/sanyiifi kabaja akka qabu hubatameera. Mammaaksi kun faayidaa barsiisuu, leenjii, fi hariiroo hawaasummaa dagaagsuuf meeshaa cimaa ta’ee hojjetaa jira. Kanaaf, hawaasni aadaa fi seenaa keenya akka kunuunsu fi daa’immanitti dabarsuuf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu yaboo kaa’eera.

Similaires