Logo Lanfrica

QAACCESSA GAHEEWWAN SHEEKKOON BINEELDOOTAA IJOOLLEE WAGGAA 8-17 TIF QABU HAALA QABATAMA GODINA BAALEE AANAA SINAANAA

Domaine:

education
Créateur:
Sim
Éditeur:
Bar
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa gahee sheekkoon bineeldota ijoolleef qabu qaaccessuun ibsuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf, saxaxa qorannoo ibsaa jalatti mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan raawwatameedha. Haaluma kanaan, odeefkennitoota kanneen akka maanguddoota, barsiisota Afaan Oromoofi ijoollee barattootaa gandoota Saanbituu, Kabiira Shaayyaa, Basaasoofi Oborraa Aanaa Sinaanaa keessaa filataman akka madda ragaa tokkoffaatti fayyadamtee jirti. Qorattuun tunis odeef-kennitoota kanneen sheekkoo bineeldootaa sirriitti beekan gandoota afran irraa maanguddoo diigdama (20) akkasumas barattootaa diigdama (20) fi barsiisota Afaan Oromoo afur (4)tti gargaaramtee jirti. Maanguddoota odeefkennitoota ta’an kana filachuun tooftaa iddatteessuu mit-carraa eera darbaa-dabarasaa fayyadamtee jirti. Akkasumas barsiisotaafi barattoota filachuuf tooftaa iddatteessuu kaayyefatamaatti qarqaaramuun odeef-kennitoota kanniin filatte jirti. Odeefkennitoota kanniin irraa mala afgaaffiifi marii gareetiin ragaa qorannoo funaannattee jirti.   . , sheekkoon bineeldotaa , haala falmii, safuufi aadaa hawaasa keessa jiru adda baafachuun, beekumsa gama kanaan qaban akka cimsataniif heddu gargaaruu isaa maanguddoonniifi haadholiin odeeffannoo laatan sheekkoo bineeldotaa bu'ureeffachuun addeessanii jiru. . Bifuma walfakkaatuun, sheekkoon bineeldotaa ijoollee bashannansiisuun, dhiphinaafi nuffii tokko malee ijoollee beekumsa gara garaa goonfachiisuu ta’uu ibsanii jiru. Kuni otoo ta'ee jiruu, sababoota gara garaatiin hawaasni sheekkoo bineeldotaatti fayyadamuu dhiisaa jira. Kanaafis, wanti akka sababaatti odeefkennitoota irraa argame keessaa inni tokko ijoolleen afoola Oromoo caalaa wantoota bu'aa teeknolojii ta'aniin liqimsamaa dhufuu isaaniiti. Kunis, ijoolleen yeroo isaanii sheekkoo walitti himuun dabarsuu caalaa, fiilmii ilaaluu, kubbaa hordofuu, muuziqaa dhaggeeffachuu, televizyiinii ilaaluufi miidiyaalee hawaassummaa adda addaa fayyadamuuf iddoo akka laatan dubbatu. Dhumarrattis, dameen afoolaa kun kallattii gara garaatiin bu’aa baay’ee buusuu osoo danda'uu irraanfatamaa dhufuun, akka hin badneef qaamota dhimmi isaan ilaalu kanneen akka hawaasni naannoo, barsiisotni, barattootni, Waajira Aadaafi Turiizimii hunduu gahee isaanirraa eegamu bahuun afoola jaalatamaafi bashannansiisaa kana kunuunsuun, bu'aa buusuu qabu akka buusu osoo godhanii gaarii ta'a.3

Similaires