Logo Lanfrica

QAACCESSA QABIYYEE FAARUU GAALAA OROMOO GABRAA: GODINA BOORANAA AANAA GUCHII

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
IBS
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
AXXEEREERA Qorannoon kun mataduree'Qaaccessa qabiyyee Faaruu Gaalaa Oromoo Gabraa Godina Booranaa Aanaa Guchii' jedhurrattii kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon qorannoo kanaas Qabiyyeewwan Faaruu Gaalaa Oromoo Gabraa: Godina Booranaa Aanaa Guchii keessatti argamuu xiinxaluudha.Kanaan duraa mata duree faaruu gaala aanaa Guchii ilaalchisee sassabamee qaacceffame kan hin jirre yoo ta'uu, Ka'umsi qorannichaa qabiyyeewwan faaruu gaala aanaa Guchii keessatti ammayyummaa waliin walqabatee Gaala heddummeessuu irraa xiqqeessaa dhufuun, qabiyyeewwan faaruu gaala dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaa dhufuu, faaruun gaala barreeffamaan dhabamuu isaati. Kanaaf, rakkoon gama kanaan jiran akkamitti hafuu kan jedhutu na kakaase jira.Malli qorataan qorannoo kanaaf dhimma itti bahe qorannoo akkamtaa ta'ee, gosa qorannoo qulqulleeffataadha. Maddi ragaalee madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa sakatta'uudhaani. Malli iddattoo itti dhimma baahame darbaa dabarsaadha. Malleen funaansa ragaalee itti fayyadamee af-gaaffii, daawwannaafi marii gareetti. Ragaalee xiinxalamaan kanneen bu'uureffachuun argannoowwan armaan gadii qorataa kanaan biraa gahameera. Argannoon kunis: Gosoonni faaruu gaala walitti makamuun faarfamuun, qabiyyeewwan faaruufi faayidaan faaruu gaala hawaasa aanichaa biraatti dagatamuun, moggaasni faaruu gaalafi hiikni meeshaalee aadaa kan badaa dhufee ta'uun, hawaasni aanichaa hagam akka faaruu gaalattii fayyadama jiran kan ifatti mul'atee yoo ta'u, keessattuu, dhalootaa har'a biratti akka aadaa boodatti hafaatti fudhatamaa dhufeera. Argannoowwan bu'uura godhachuudhaan yaada furmaata ni ta'a jedhee qorataan akka armaan gadii kanattii kaa'eera. Qaamni dhimmi kun illaallatuu kanneen akka Waajjira Aadaafi Tuuriizimii afoola kanaa aanaaleefi godinoota garaagaraa keessaa funaanuun gola hambaa godhanii odoo kaa'anii dansaa ture. Qorattoonni garaagaraa qabiyyee faaruu gaala karaa gara garaattiin irrattii hojjachuun barreeffamaan osoo dhiheessanii bu'aan barbaadamu ni argama turee.

Similaires