Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

QAACCESSA FAARUU LOONII UMMATA OROMOO GODINA BAALEE AANAA AGAARFAA

Domaine:

agriculture
Créateur:
LAG
Éditeur:
Bar
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyefi dhaamsa faaruu loonii Godina Baalee, Aanaa Agaarfaa keessatti faarsaman qaaccessuun ibsuudha. Kanaafuu, qorattuun qorannoo kanaa gosa qorannoo akka mataa jalatti saxaa qorannoo addeessaatti dhimmi baatee jirti. Haaluma kanaan maddoo taragaa tokkoffaa ta’uun qorattuu dhaa odeeffannoo kan kennan odeef-kennitoonni maanguddoota, haawwan, dargaggootaafi Shamarran Ganda Alii, Amaallamaafi Elebiduu tooftaa iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu darbaada barsaatiin kan filataman yoo ta’u; barsiisota Afaan Oromoofi hojjetootni waajjira Aadaafi
Turiizimii Aanaa Agaarfaa toofta iddatteessuu akkayyootiin filatamanii jiru. Walumaa
galatti qorattuun odeef-kennitoota kudha jaha (16) irraa meeshaalee funaansara gaaaf
gaaffii fi marii gareetti fayydamuun odeeffannoo funaannattee jirti. Sana booda
odeeffannoon funannatte kana qindessuufi qaaccessuun hiika erga itti kennitee booda
argannoowwan ijoo adda baastee jirti. Argannoowwan qorannoo kanaan irra gahaman
keessaa inni jalqabaa qabiyyeen faaruu loonii kan ilaallatu yoo ta’u qabiyyee faaruu loonii
loowwan dinqisiifatu, qabiyyee bu’aawwan loon irraa argamuu kanneen akka aannanii
dhadhaa ibsan, faaruu loon jajuufi kunuunsamuu akka qaban kan ofkeessatti hammate yoo
ta’u; faaruu loonii jaalalaafi kabaja hawaasni Oromoo loon isaatiif iddoo guddaa
qabaachuu isaa qorannoo kanaan ifa ba’eera. Gama birootiin faaruun loonii kunniin
ergaawwan gara garaa kan dabarsanii dha. Isaan keessaa jaalalaafi kabaja hawaasni
looniif iddoo guddaa qabaachuu isaatii fi keessa ofii gammachisuun loon isaanitiif kunuunsa
taasisan kan irraa eeggamu ta’uu qorannoo kanaan bira gahameera. Yoomessa faaruu
loonii ilaalchisee uummatni Oromoo Aanaa Agaarfaa yeroo midhaan aayidan, yeroo loon
galchan, yeroo jabbii urursan, yeroo aanan raasan, loon faaruun akka faarsan ibsamee jira.
Walumaagalatti faaruun loonii gosoota gara garaa kan yoomessa adda addaa keessatti
faarsaman, kan dhaamsa adda addaa dabarsuuf faarfatamuu ta’uu isaa; Dhumarratti
faaruun loonii yeroo ammaa sababa amantafi qaroominaan hafaa akka dhufeefi namootni
loon qaban illee yeroo ammaa loon isaanii akka aadaa durii sanitti akka hin faarsine
hubatameera. Kanaafuu, hayyoonni adeemsaan dhimma afoola Oromoo keessaa tokko kan
ta’e kana faaruu loonii akka dhimma ofiitti fudhachuun fooyyessaa deemuun barbaachisaa dha.2

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

GandaKaanKhanaMbayOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similaires

QAACCESSA QABIYYEE FAARUU GAALAA OROMOO GABRAA: GODINA BOORANAA AANAA GUCHIIQAACCESSA MAMMAAKSOTA OROMOO GOOTUMMAA AGARSIISAN: GODINA BAALEE AANAA DIINSHOO IRRATTI KAN XIYYEEFFATEQAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO SOBA BALAALEFFATAN (HAALA QABATAMA GODINA BAALEE, AANAA GAASARAA)XIINXALA MOGGAASA MAQAA MISIRROO: HAALA GODINA BAALEE, AANAA AGAARFAAQAACCESSA GUMAA DANUU: HAALA GODINA BAALEE, AANAA SINAANAAQAACCESSA WEEDDUU CIDHAA MANA MISSIRRITTI WEEDDIIFAMU GODINA BAALEE AANAA GOBBAA

QAACCESSA QABIYYEE FAARUU GAALAA OROMOO GABRAA: GODINA BOORANAA AANAA GUCHII

AXXEEREERA Qorannoon kun mataduree'Qaaccessa qabiyyee Faaruu Gaalaa Oromoo Gabraa Godina Booranaa Aa

QAACCESSA MAMMAAKSOTA OROMOO GOOTUMMAA AGARSIISAN: GODINA BAALEE AANAA DIINSHOO IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Kaayyoonqorannookanaa, Qaaccessa Mammaaksota Oromoo Gootummaa Agarsiisan: Godina Baalee Aanaa Diinsh

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO SOBA BALAALEFFATAN (HAALA QABATAMA GODINA BAALEE, AANAA GAASARAA)

Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa, qabiyyee mammaaksota Oromoo soba balaaleffatan qaaccessuun ergaa isa

XIINXALA MOGGAASA MAQAA MISIRROO: HAALA GODINA BAALEE, AANAA AGAARFAA

Qorannoon kun xiinxala moggaasa maqaa misirroo haala Godina Baalee, Aanaa Agaarfaa irratti kan gagge

QAACCESSA GUMAA DANUU: HAALA GODINA BAALEE, AANAA SINAANAA

Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffate raawwii gumaa danuu: haala Godina Baalee, Aanaa Sinaanaa keess

QAACCESSA WEEDDUU CIDHAA MANA MISSIRRITTI WEEDDIIFAMU GODINA BAALEE AANAA GOBBAA

Qorannoon kun kan irratti adeemsiifame Weedduu Cidhaa Mana Missirritti Weeddifamu Godina Baalee Aana