Axareera
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa Sirnakkoo fayyadama afaanii Magaalaa Goobbaa keessaa
xiinxaluun ibsuudha. Kaayyoon gooree qorannichaa immoo hanqinna fayyadama Afaan Oromoo
manneen hojii Magaalaa Goobbaa keessaa ibsuu,Sirnaakkoon fayyadama afaanii kan barjaalee
manneen hojii Magaalaa Goobbaa keessaa gama mirga afaanii heeraafi seera mootummaa
Naannoo Oromiyaatiin kennameetiin maal akka fakkaatu xiinxaluufi barreeffamoonni
magaalattii keessatti Afaan Oromootiin barraahan hanqinna unkaafi hanqina hiikaa qabaachuu
Akkasumas qorataan kaayyoo isaa galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatti dhimma
baheera. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa immoo madda odeeffannoo tokkoffaati.Kana
malees, malli iddattoo qorannoo kanaa kan of keessatti hammatu mala iddatteessuu iddatteessuu
akkayyoofidarbaa dabarsaa fayyadamuun odeef-kennitoonni filatamanii jiru. Ragaalee
qorannoo kanaaf oolan funaanuufis mala funaansa odeeffannoo kanneen akka af-gaaffiifi
daawwannaatti fayyadamuun ragaaleen argaman jechaan qaacceffamanii jiru. Argannoowwan
gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti Magaalaa Goobbaa keessatti mirgi afaanii Heeraafi
Seera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname guutumaan guututti hojirra oolaa
kanhinjirre ta’uu,Sirnaakkoon fayyadama afaanii Magaalaa Goobbaa eenyummaa af-daneessaa
agarsiisaa kanhinjirre ta’uufiSirnaakkoo fayyadama afaanii Magaalaa Goobbaa keessatti
hanqinni barreeffama Afaan Oromoo barjaaleefi waajjiraalee keessa jiraachuu bira gahamee
jira. Kanarraa ka’uun yaboon qorannoo kanaa immoo mirgi afaanii Heeraafi Seera
mootummaatiin Afaan Oromootiif kenname hatattamaan hojirra osoo oolee, Sirnaakkoo
fayyadama afaanii Magaalaa Goobbaa eenyummaa af-daneessaa osoo agarsiisee
fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessee, manneen hojii mootummaa magaalaa kana
keessa jiran kallattiidhaan barreeffama ofii barreessan keessatti hubannoofi beekumsa
barreeffama afaaniitiin barreessuu osoo qabaatanii kanjedhuudha.7