Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

QAACCESSA HAFEE HAASBARRUU SIRNA KAADHIMACHUU OROMOO BAALEE, AANAA GOOBBAA

Domaine:

education

Type de record:

paper
Créateur:
AHM
Éditeur:
Taa
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Qorannoon kun mata-duree “Qaacceessa Haasbarruu Sirna Kaadhimachuu Oromoo Baalee Aanaa Goobbaa“jedhurratti hundaa’uun adeemsifame. Haala raawwii sirna kaadhimachuu keessatti wantoota hawaasni dubbiidhaan raawwatu funaanuudhaan haasawni achi keessatti raawwataman qaacceffamaniiru. Qorannoo kana gaggeessuudhaaf wanti qorattuu kakaase, yoomessa kaadhimachuu kana keessatti Oromoon Baalee Aanaa Goobbaa hasbarruun sirna kaadhimachuu ilaalchisee hanga ammaa wanti qoratamee jiru waan hin jirreef qorattuun tuniis qorattee dhaloota dhufuuf galmeesitee kaa’uufi. Qorannoowwan kanaan dura waa’ee fuudhaafi heerumaa irratti hojjataman adeemsaafi gosoota fuudhaafi heerumaa qofa ibsan malee, haasbarruu sirna kaadhimannaa addatti kan hojjatan hin jiran. Kanaaf qorannoon kunis kan hojjatame qaawwa kana duucha jedhameeti. Odeeffannoon qorannoo kanaa adda durummaan manguddoota, haawwotafi dargaggootaa Oromoo Godinna Baalee aanaa Gobbaa keessa jiraatan keessaa Mala Iddatteessuu Kaayyeffataa fi darbaa dabarsaaa fayyadamuuni. Ragaa qorannoo kanaa kan funaane, afgaaffiin, marii gareefi daawwannaani. Ragaaleen funaanaman mala akkamtaatti fayyadamuun qaacceffame jira. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti, fayyadamni haasbarruu Sirna Kaadhimachuu Oromoo Baalee Aanaa Goobbaa keessatti kan mul’atuu ta’u illee dhaloonni ammaa hasbarruu yoomessa Kaadhimannaa keessatti sababa dhiibbaa amantii irraa kan ka’e hasbarruu isaa dagatmaa dhufeera. Inni biraa, fayyadamni haasawaa sirna kana keessatti dubbatamu mirga dubartootaa eeguf ta’uusa.Dabalataanis, fayyadamni haasawaa yoomessa Kaadhimachu keessatti maangudootniifi haawootni gahee gargara kan qaban akka ta’ee dha. Adeemsa siri kaadhimannaa kun akka hin dagatamneef maangudoonni sirna kanatti dhimma bahuun labata dhufuuf dabarsuu qabu. Dargagoonnis maangudoota irraa sirna kan gaafachuun dagaagsaa deemuu qabu. Dabalataaniis waajjirri Aadaafi Turizimii Aanaa Goobbaas haasbarruu sirna kanaa waraabbiiniis ta’ee barreeffamaan ol kaahachuun dhaloota dhufuuf dabarsuun kaahuu qaba.

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

HangaKaanKhanaMalaMbayOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similaires

QAACCESSA HAASBARRUU JAARSUMMAA OROMOO :HAALA GODINAARSII LIXAA , AANAA GADAB HASAASAAQAACCESSA FAARUU LOONII UMMATA OROMOO GODINA BAALEE AANAA AGAARFAAXIINXALA RAAWWII ABAARSAA OROMOO SIIKOO-MANDOO KAN GODINA BAALEE AANAA GOOBBAAXIINXALA SIRNA GUDDIFACHAA DAA"IMMANII OROMOO GODINA BAALEE AANAA SINAANAAQAACCESSA SIRNA SEERA AALOO DUBBII JAARSUMMAA OROMOO ARSII AANAA GADAB HASAASAAQAACCESSA FAYYADAMA AFOOLAA SIRNA GUMAA FIXUU OROMOO ARSII LIXAA AANAA QOREE KEESSATTI

QAACCESSA HAASBARRUU JAARSUMMAA OROMOO :HAALA GODINAARSII LIXAA , AANAA GADAB HASAASAA

Axeerara   Qoranoon kun mata duree “ Qaaccessa Haasbarruu jaarsummaa Oromoo: Haala Godina Arsii Li

QAACCESSA FAARUU LOONII UMMATA OROMOO GODINA BAALEE AANAA AGAARFAA

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyefi dhaamsa faaruu loonii Godina Baalee, Aanaa Agaarfaa keessat

XIINXALA RAAWWII ABAARSAA OROMOO SIIKOO-MANDOO KAN GODINA BAALEE AANAA GOOBBAA

Axereeraa   Kaayyoon qorannoo kanaa haala adeemsa raawwii abaarsaa hawaasa Oromoo keessa jiru kan

XIINXALA SIRNA GUDDIFACHAA DAA"IMMANII OROMOO GODINA BAALEE AANAA SINAANAA

Kaayyoon qorannoo kanaas sirna guddifachaa daa"immanii qaaccessuudha. Qorannoon kun saxaxa qorannoo

QAACCESSA SIRNA SEERA AALOO DUBBII JAARSUMMAA OROMOO ARSII AANAA GADAB HASAASAA

Kaayyoon qorannoo kanaa ‘’Qaaccess Sirna Seera Aaloo dubbii jaarsummaa Oromoo Godina Arsii Lixaa haa

QAACCESSA FAYYADAMA AFOOLAA SIRNA GUMAA FIXUU OROMOO ARSII LIXAA AANAA QOREE KEESSATTI

Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa fayyadama afoolaa sirna gumaa fixuu Oromoo Arsii aanaa Qoree qaaccessu