Logo Lanfrica

XIINXALA FAYYADAMA AFAANII SIRBA ARTISTII DAANGAA HAYLAYASUUS QANANII "SHILLIMII"

Domaine:

natural language processing
Créateur:
SHI
Éditeur:
QAN
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kaayyoon qorannoo kanaa fayyadama afaanii sirba Artistii Daangaa Haylayasuus Qananii “Shillimii” xiinxalluu irratti xiyyeefate. Qorannichi gosa qorannoo akkamtaasaxaxa ibsaan kan gaggeeffameedha. Sababni qorataan akkamtaafi mala ibsaa fayyadameefis, ragaalee sakatta"a dokumantii irraa argame ibsuurratti waan xiyyeeffateefidha. Maddi ragaa qorannichaas madda ragaa tokkoffaati. Sababni, xiinxala haala fayyadama afaanii sirba Daangaa Haylayasuus Qananii “shillimii”jedhu irratti xiinxala kan geggeessu waan ta"eefidha. Qorannichaaf tooftaan iddaattoo hojiirra oole mitcarraa yoo ta"u, sababni malli iddaatessuu kun filatameef sirboota biroo dabalataan iddoo tokkotti qorannoo irratti gaggeessuun yeroofi humna karoorfatameen oli ta"uun waan rakkisuuf qorataan tooftaa iddaattessuu mitcarraa akkayyoon sirbicha filate. Meeshaaleen funaansa ragaalee qorannichaa xiinxala dookimantiiti. Ragaaleen xiinxala dokimantiin funaanaman mata duree garagaraa jalatti xiinxallamuun ibsi itti kennamee jira.Walaloon sirbichaa fayyadama afaaniitiin kan badhaadhe yemmuu ta"u gosoota fayyadama afaanii keessaa looga, jechoota marmaartuu, jechamootaafi malleen dubbiittu qaacceffame. Haala kanaan bu"aa xiinxala qorannoo kanaa akka mul"isutti fayyadama afaanii sirba „Shillimii" fayyadama afaanii keessatti argaman ibsamaniiru. Argannoon argame akka ibsutti fayyadamni afaanii sirbichaa walaloon sirbichaa akka mana rukutee yedaloo uumuun hawwataa taasisuu bira darbee ergaa sirbichaa galmaan gahuu keessatti faayidaa olaanaa qaba. Fayyadamni afaanii sirbicha keessatti sadarkaa irra deddeebiitti mul"atu kan sagalee, gaaleefi himaa ta"uun xiinxalla taasifameen mirkanaa"eera. Haaluma walfakkaatuun loogni Arsii ol bahee mul"atuu baatus, jechamoonni filatamoo fi midhaagoon walalicha sirbaa keessattii hedduminaan mul"atu. Dhumarrattis, malleen dubbii walalichaaf midhaagina kan gonfeedha. Walumagalatti,qorattoonni afaaniifi ogbarruu hojiilee ogbarruu keessatti fayyadama afaanii fuulleffachuun sirbootaafi ogbarruu Oromoo bal"aa irratti xiinxalaafi qeeqa gaggeessuun barbaachisaadha.
3

Similaires