Logo Lanfrica

XIINXALA HAALA DHIHAANNAA HENNAA KITAABA BARATAA AFAAN OROMOO KUTAA 1 1 FFAA FI 1 2FFAA BARA 2005 QOPHAA'EE

Créateur:
DAM
Éditeur:
MAA
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kayyoon qorannoo kana akkaataa dhiyaannaa hennaa kitaabilee barataa barnoota Afaan Oromoo Kutaa 1 1 ffaa fi 1 2ffaa bara 2005 qophaa'an keessa jiru sakatta'uun dha mata-duree kanarratti qorannon hangaa ammaa gaggeeffame dhibun qorattuun qorannoo mata-duree kanaratti akkaa gaggeesituuf ishee kakaasera Dabaltaan akkaataan dhiheenya hennaa haala kitaaboota barataa Afaan Oromoo gola 1 1 ffa fi 1 2ffaa muxxannoon qorattun kitaabota kana barsiisurrattii qabduun hanqinoota mataasaa kan qabu ta'uutu mul'ate hanqinotnii kuneensii haala hennaan Afaan Oromoo barsiisuuf itti qindaa'aan gosonni hennaa keessatii tajaajilli dhamjechootaa adda adda bahee karaa iftoomina qabuun ibsamuu dhabuurraan kan ka'e fakkeenya barattootni hennaa gosa tokkoo ibsuf kennan is kan biroo ibsuufi barsiisonnis wayita qormaata qopheessan sababa iftoomina dhabuu haala dhiyeenya gosoota henneerraa kan ka'e iddoo tokko tokkotti yaadaan garagar ta'uun akka qabiyyee tokkootti boqonnaatii akkasumas gosootni hennaa heddun karaa mala didaakatiivii fii indaaktiivii ta'uun isaanii adda hinbaaneen bakka tokkotii walitii qabamiin dhiyaachuun barsiisuurrattii akka isaan rakkise yoo ibsaan qorattun xiinxaluu dandeessee jirti kanaaf mata-duree kanarratti qorannoon akka gaggeessituuf ishee kakaaseera kayyooleen gooree qorannoo kanaan deebii argatan immoo haala dhihaannaa hennaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11 ffaa fi 1 2ffaa bara 2005 qophaa'e keessatti jiru addabaasuu akkaataan hennaan kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 1 1 ffaa fi 1 2ffaa bara 2005 qophaa'e keessatti dhihaate hangam iftoomina akka qabu ibsuu kitaabilee filataman kanneen keessatti hennaan mala kamin akkaa dhiyaate ibsuufi Tooftaaleen gilgaalota madaallii hennaa maalfaa akka ta'an addaan baasuudha Qorannoon kun mala qorannoo ibsaati fayyadamun kan gaggeffamedha qorannoo kanaaf qorattun ragaalee qorannichaaf oolan kan argatte kitaabilee barataa barnoota A/Oromoo kitaabilee kutaa 1 1 ffaa fi 1 2ffaa sakatta'un fi barsiisota A/Oromoo kutaale kaneen barsisaani af -gaaffii taasisuudhaan ture odeeffannoo sakatta'a kitaaba fi barsiisota irraa argame kana yaada hayyoota caasluga fi barruu walfakkii jiran waliin walbira qabuun bal'inan qaacceeffamee jira Ragaan argame ammoo mala qoranno akkamtaan qaacceessuun ibsame jira Ragaa kanarras xiinxala gageeffameen firiiwwan argame haalli dhiyaannaa hennaa barnoota Afaan Oromoo kitaabilee kutaa 1 1 ffa fi 1 2ffaa hennaa dhiheessuurratti bakka tokko tokkotti iftoomina qabaachuurratti ,maleenyaa indaaktivi ykn didaaktiviin adda bahee karaa ifa ta'een ibsamuun dhihaachuurratii akkasumas gilgaalota gosoota adda addaa qabaachuurratti akka hanqinaatti adda bahee jira . Kanaarra kan ka'e haalii dhiyaannaa qabiyee hennaa kitaabilee kanneen keessati argamu hubbannaa barattootaa cimsuufis ta'e barsiisota haala gaaridhaan hirmaachisu danda'uun kan dhiyaate waan hin taaneef haala baruufi barsiisuu irratii gufuu ta'uun argannoo qorannoo kanaan adda bahe jira . Kanaaf ogeeyyiin barnoota dhimmi kun isaan ilaluu hundii kitaabilee kaniin irraa deebi'uun gulaalani foyyeessuu qaban akkasumas hanga kitaabni kuneen foyya'utii barsiisonnii kitaabilee wabii adda addatii gargaaramun yookaan madaqsuun meeshaalee sirna barnootaa walsimsiisuun qabiyyicha dhiyeessuun yookin barsiisuu qabu kana malees tooftalee gilgaalota madaallii gosa adda addaa dhiyeessuti fayyadamuun barsiisuu fi mala indaaktiivii ykn didaaktiivii kara ifa ta'een gosa hennaa hundaa barsiisuun ykn dhiyeessuun irraa eeggama. 6

Similaires