Logo Lanfrica

XIINXALA WALSIMANNAA QABIYYEE KITAABA BARATAA AFAAN OROMOO, QORMAATA MOODEELAA FI QORMAATA BIYYOOLEESSAA KUTAA 10FFAA BARA 2010 A.L.I

Domaine:

educationnatural language processing
Créateur:
ASA
Éditeur:
BAR
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa kitaaba barattootaa Afaan Oromoo qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa kutaa 10ffaa bara 2010 xiinxaluudha. Kaayyoo kanas galmaan gahuuf qorattuun saxaxa qorannoo ibsaatti fayyadamtee jirti. Kanaafuu madda ragaa lammaffaa fayyadamuun meeshalee ragaa sassaabbamee sakatta’a sanadaati.Irrawatamni qorannichaas kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10ffaa, qormaata moodeelaafi biyyooleessaa kutaa 10 bara 2010ALI irratti gaggeefame ragaalee kana walitti qabamanii kan qaacceeffaman malli makaa (hammamtaafi akkamtaa ) hojii irra oolanii jiru.Waan kana ta’eef ragaalee gabateen dhiyeessuu dhibbentaafi lakkoofsaan ibsamanii jiru. Kanaaf, argannoo qorannoo kanaas qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa qabiyyee kitaaba barataa kutaa 10ffaa wajjiin walsimannaa isaanii yommuu ilaalluu walsimannaa hin qaban.Kunis kitaaba barataa irratti dandeettiwwan afaanii afran keessaa dubbisuun xiyyeefannaa guddaa yommuu argatu qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa irratti qabiyyee caaslugaati.karaa biraatiin immoo dandeettiwwan afaanii keessaa (dubbachuun, dhaggeeffachuufi barreessuun) kitaaba barataa keessatti uwwisni kenname qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti gonkumaa hinjiru. Akkasumas qabiyyeewwan qormaata keessatti hammataman ogummaawwan afaanii adda addaa bifa walmadaalchiseen kan hin qabatin ta’uun, qormaatni biyyoolessaafi moodeelii Afaan Oromooo kutaa 10ffaa bara 2010ALI qabiyyee kitaaba barataa kutaa 10ffaa keessatti barataman guutuutti akka ofkeessatti hin hammatin beekkamee jira. Kanaaf, qorannoo kana keessatti akka furmaataatti kandhiyaate qabiyyeewwan kitaaba barataa keessatti xiyyeefannoo olaanaa kan argate qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti haala walsimannaa qabiyyee waliiniifi gaaffiwwan walsimsiisuun osoo dhiyaatee gaariidha. Dabalataan immoo dandeettiwwan afaanii keessaa (dubbachuu, dhaggeeffachuufi barreessuu) qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa irratti baasuun barbaachisaadha. Gama biraatiin qormaata moodeelaa irratti qabiyyewwan hin dhiyaanne qormaata biyyooleessaa irratti osoo hindhiyaatin hafaniiru.Kanaafuu, qaamni qormaata biyyooleessaafi moodeela kutaa10ffaa qopheessu walgitiinsa qormaataafi kitaaba barattootaatiif xiyyeeffannaa akka qabu eertee jirti.
3

Similaires