Axereraa
Qorannoon kun mata duree ‘Qabiyyeewwan, Akkaataalee Dhihaannaa, Fakkoommiiwwan Mi’aalee Aadaa, Faayidaaleefi Gufuulee Gosoota Sirboota Gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa’ jedhurratti adeemsifame. Kaayyooleen isaas gosoota sirboota gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa qabiyyeewwan, akkaataalee dhihaannaa, fakkoommiiwwan mi’aalee aadaa, faayidaalefi gufuulee isaanii xiinxaluun adda babaasuudha. Akkasumas, beekumsa keessa jiru dhalootaaf ol kaa’uudha. Kanaafis, malleen akkayyoofi darbaa dabarsaa dhimma ba’uun Jaawwii Maccaa keessaa Guduruu, Giddaafi Goreerraa ragaaleen funaanamanii jiru. Maddeen ragaalee tokkoffaa kunniin daawwannaa, afgaaffiifi marii gareen maanguddoota, dargaggootaafi shamarran irraa funaanaman. Yaadiddamoota foormulaa afaanii, haala galumsa, walitti dhufeenya hiika fakkoommiifi faayidaan deeggaramuun mala akkamtaanis xiinxalaman. Haala kanaan sirboonni gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa gosoota lamatti qoodamu. Isaanis sirboota qe’ee warra intala heerumtuufi gurbaa fuudhuutti sirbaman jedhamu. Sirboonni mana warra intala heerumtuutti sirbaman qabiyyeewwan: arrabsoo, faaruu, mararroo, amaamotaafi geelloo qabu. Kanneen mana warra gurbaa fuudhuutti dhihaatanis qabiiyyeewwan: arrabsoo, faaruu, asoonsillee, amaamotaafi geelloo hammatu. Qe’ee lamaanittuu bifaalee geengoofi garmaamaan sirbamu. Mi’aalee faayaafi muuziqaan deggeramu. Mi’aaleen faayaa fakkoommiiwwan: kaadhimmatamuu, kaadhimaa, qarrummaa, gootummaa, angafummaa, Oromummaa, wareegamummaafi afuura baafannaa qabu. Mi’aaleen muuziqaa immoo, sirbitoota waamu, hurruubuufi sirboota ajajuu agarsiisu. Sirboonni gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa gareelee hawaasaa walitti fiduun barsiisaa bashannansiisu. Darbaniis, hawaasummaa, dinagdee, siyaasaafi eenyummaafi gootummaa ijaaru. Sirboonni gaa’elaa faayidaaleen kanneen qabaatanis amantii, siyaasaafi sababoota ammayyummaan quucarfamaa jiraachuun argannoowwan qorannoo kanaati. Dargaggoonni Oromoo sirboota gaa’elaa kanneenitti cichuun haala ammayyaan walitti madaqsanii dhimmoota Oromoo ittiin dabarsuufi irraa barachuun barbaachisaa ta’uu qorannoon kun akeeka. Dhaabbileen akka Waajjiraalee Aadaafi Turiizimii, Miidiyaaleen garaagaraa, Yuunvarsiitonni mootummaafi mit-mootummaa naannoo ilmaan Jaawwii Maccaa dhaloota dadammaqsuun akka sirboota gaa’elatti fayyadaman taasisuun guddina sirboota gaa’elaaf gumaacha.