Logo Lanfrica

Xiinxala Hariiroo Sirboota Qabsoofi Sabboonummaa Oromoo: Xiyyeeffannoon Sirboota Qabsoo Oromoo Filataman Keessatti

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
AbdTalJaa
Éditeur:
Jor
Hôte:avatar
Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa hariiroo sirbootaafi qabsoo sabboonummaa Oromoo xiinxalluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf qoraticha wanti kakaase hariiroo aartiin Oromoofi sabboonummaa Oromoo qabu ibsuufi. Qoratichi qorannoo kana gaggeessuuf akaakuu qorannoo akkamtaa gargaaramee jira. Saxaxni qorannoo, qorannoo kana gaggeessuuf hojirra oolee saxaxa qorannoo ibsaati. Qorannicha keessatti hojii artistoota Oromoo lamaatu mala idattoo kaayyefataa fayyadamuun filatamee xiinxalame. Tooftaan funaansa ragaa qorannoo kana keessatti hojirra oole xiinxala barruuti. Qorataan mala iddattoo kaayeffataatti gargaaramuun sirboota suursagaleen hajjatamanii yuutuubii irratti gadhiifaman lama xiinxala barruu fayyadamuun ragaa qorannoo funaannatee jira. Ragaalee funaanaman mala xinhiika hafeetti fayyadamuun xiinxalamanii jiru. Argannoon bu’uuraa qorannoo kanaa, gaaffiileen qabsoo Oromoo sirboota keessatti dhihaatan gaaffii abbaa biyyummaa, eenyummaa, walqixxummaa diinagdee, bilisummaa; Mootiin Minilik II Oromoota Ituufi Arsii irratti gocha suukaneessaa seenaan hin irraanfanne akka dalagee ture;  Oromoonni Ituufi Arsii lolicha ofirraa qolachuuf tumsa loltummaa uumanii turan; Minilik II Oromoota Afran Qalloo irratti bakka Calanqoo jedhamutti duguuggaa sanyii irratti raawwatee jira; haaluma walfakkaatun mootichi Oromoota Arsii Aanolee irratti bifa suukaneessaan harkaafi harma muraa akka ture sirboonni kunniin nicalaqqisiisu. Argannoo kanarratti hundaa’uun, mootummaan madaa seenaa kana bifa waaraa ta’een fayyisuuf araara waaraa akka uumamu osoo godhee gaariidha. Mootummaan Itoophiyaa seenaa miidhaa uuummata Oromoofi saboota biroo irratti raawwatame qorannoo irratti hundaa’uun waliigaltee araaraa haqa qabeessaafi dhugaa irratti hundaa’e bifa gumaatiin raawwachuun araarri waaraan uummattoota giddutti akka uumamuu hojiin araara waaraa buusuu osoo hojjatamee yaadonni jedhan akka yabootti dhihaatanii jiru. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 4 No. 1 (2026): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ)

Similaires