Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

XIINXALA SIRBOOTA AFAAN OROMOO DIDDAA MUL"ISAN: SIRBOOTA FILATAMAN XIYYEEFFACHUUN

Domaine:

natural language processing
Créateur:
GOO
Éditeur:
WAA
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Qorannoon kun kan gaggeeffame xiinxala sirboota Afaan Oromoo Diddaa mul"isan: Sirboota filataman xiyyeeffachuun irratti geggeeffame. Kaayyoon dimshaashaa qorannoo kanaa, walaloo sirboota Oromoo kanneen diddaa mul`isan isaaniin xiinxalame. Saxaxni qorannoon kun ittiin geggeffame saxaxa qorannoo ibsaati. Haaluma walfakkatuun, dangaan qorannoon kun Kan xiyyeeffatu walaloo sirbaa weellistoota Oromoo Iskindir Taammiruu,Caalaa Daggafaa, Wabii Dhaabaa, Falmataa Kabbadaa, Caalaa Bultumeefi Yoosan Geetahun xiyyeeffachuun filataman irrattidha. Bu"uuruma kanaan, walaloon sirboota 10 mala iddattoo xiyyeeffata irratti hunda"uun qorannoo kanaaf filatameeti. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun ragaaleen xiinxalamaniiru. Qorannoon kun madda raga tokkoffaatti dhimma ba"ame. Yaadxinni qorannoon kun bu"uureeffate yaadxina hawaasummaa fayyadamuun ergaan ijoo walaloo sirbaa haala hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee keessa jiruu mul"isuun hiika isaa xiinxaluuf dhimma itti bahameera. Xiinxala walaloo sirbaa diddaa Oromoo irratti gaggeeffameen ergaan ijoo isaanii tokkummaa dhabu, haqa dhabuu, miidhaa siyaasaafi dinagdee akka ta"e bu"aan qorannoo kun ni mul"isa. Ergaan ijoo dhiibbaan Uummata Oromoo qabiyyee walaloo sirba kana keessatti qorannoo kanaan argaman, reebicha, hidhuufi dararuu, lafa irraa fudhachuu, ajjeechaa, himannaa sobaaniifi ragaa sobaan murtii kennuu, sodaachisuufi dorsisuu, saamicha lafaa isaan gurguddoodha. Dhiibbaan uummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin irra gahaa jiru jala bahuuf, kutaaafi amantiidhaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaa cimsee diddaa gaggeessuun mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneffachuu akka qabu ergaan ijoo walaloo sirbaa kanaa bal"inaan ni mul"isa. Dabalatanis, walaloo sirboota afaan Oromoo diddaa irratti xiyyeeffatani bahan keessatti ergaan ijoo isaanii, gootummaa, tokkummaa, seenaa, biyya (Oromiyaa) faarsaan qorannoon kun ni mul"isa. Akka waliigalaa siboonni weellistoota kanaa diddaa uummata Oromoo irraa karaa hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeetiin sirna mootummaa dhufaa darbaa keessatti gahaa jiru jijjiiruuf, hubannoo uummataa uumuufi kakaasuu keessatti gahee salphaa taphachaa hin jiru. Xumurarratti gaheen sirboota weellistoota Oromoon wellifaman qabsoo uummata Oromoo keessatti qaban qabiyyeen isaanii xiinxalame barreeffaman dhaloota dhufuuf dabarsuufi barsiisuuf gara fuula duraatti xiyyeeffannaan itti kennamee qoratamu akeekuudha.

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

GumuzJiruKaanMadaMalaMbayOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similaires

Xiinxala Hariiroo Sirboota Qabsoofi Sabboonummaa Oromoo: Xiyyeeffannoon Sirboota Qabsoo Oromoo Filataman KeessattiIjaarsa Caasaalee Walaloo Sirboota Afaan Oromoo Filataman KeessattiQeeqa Hawaasummaa Walaloo Sirboota Oromoo Filatamanii: Xiinxala Ergaawwan Sirboota Eebbisaa AddunyaaXiinxala Yoomessaafi Ergaawwan Sirboota Gundoo Booree Oromoo Jaawwii MaccaaXIINXALA QABIYYEEWWAN GOSOOTA SIRBOOTA GAA'ELAA GALUMSAA OROMOO JAAWWII MACCAA KEESSATTIXiinxala Falaasaamaa Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti Calaqqisanii

Xiinxala Hariiroo Sirboota Qabsoofi Sabboonummaa Oromoo: Xiyyeeffannoon Sirboota Qabsoo Oromoo Filataman Keessatti

Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa hariiroo sirbootaafi qabsoo sabboonummaa Oromoo xiinxalluudha. Qorannoo

Ijaarsa Caasaalee Walaloo Sirboota Afaan Oromoo Filataman Keessatti

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa haala ijaarsa caasaalee walaloo sirboota Afaan Oromoo filatamanii kee

Qeeqa Hawaasummaa Walaloo Sirboota Oromoo Filatamanii: Xiinxala Ergaawwan Sirboota Eebbisaa Addunyaa

  Sirbi Oromoo baroota dheeraaf meeshaa ittiin aadaan sabaa ibsamu, seenaan kunuunfamuufi dhim

Xiinxala Yoomessaafi Ergaawwan Sirboota Gundoo Booree Oromoo Jaawwii Maccaa

Qorannoon kun xiinxala yoomessaleefi sirboota gundoo booree Oromoo Jaawwii Maccaarratti xiyyeeffata.

XIINXALA QABIYYEEWWAN GOSOOTA SIRBOOTA GAA'ELAA GALUMSAA OROMOO JAAWWII MACCAA KEESSATTI

Axereraa Qorannoon kun mata duree ‘Qabiyyeewwan, Akkaataalee Dhihaannaa, Fakkoommiiwwan Mi’aale

Xiinxala Falaasaamaa Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti Calaqqisanii

Kaayyoon qorannoo kanaa Xiinxala falaasama Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti calaqq