Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

Xiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo Booranaa

Domaine:

education

Type de record:

paper
Créateur:
Ars
Éditeur:
Ars
Éditeur:
Ars
Hôte:avatar
Qorannoon kun, adeemsa raawwii sirna maqbaasa ilma angafaa Oromoo Booranaa irratti xiyyeeffate. Sababni xiyyeeffatameefis, qaawwii qorannoo jiraachuu; beekumsi natoo ganamaa hawaasichaa sirna maqbaasa ilma angafaa keessan calaqqisiifaman qoratamuun barreeffamaan olkaa‟amuu dhabuudha. Saxaxni qorannichaa, xiinxala yoomessahaa ibsaati. Akaakuun qorannichaa immoo qorannoo akkamtaa ta‟ee, sanyabsaadha. Maddi ragaalee qorannichaa, madda ragaa tokkoffaati. Tooftaa ragaaleen ittiin funaanaman, daawwannaa hirmaachisaafi afgaaffii yoo ta‟an, ragaaleen immoo, dabtara yaadannoo dirreefi viidiyoo kaameraatiin galmeeffaman. Ragaaleen tooftaa kanaan guuraman, mala ibsaatiin xiinxalaman. Ragaalee xiinxalaman irraa bu‟aan argame: Sirni maqbaasa ilma angafaa jila gubbisaan raawwatama. Innis, gogeessa gadaa abbaa daa‟imaa irratti hundaa‟uun gubbisaa ilmaan kormaafi imaan jaarsaa jedhamee beekama. Gubbisni ilmaan kormaa gogeessa gadaa tokko keessatti altokko qofa kan raawwatamu yoo ta‟u, kan ilmaan jaarsaa, yoomessa ayyaanni eeyyamu kamillee gaggeeffamuu danda‟a. Haala kana keessatti, raawwileen sirna dura raawwataman- ayyaana heduu, jila beeksisuu, uffata, nyaataafi mukeen aadaa qopheessuudha. Yeroon sirnaa immoo guyyaa sadiif kan gaggeeffamu yoo ta‟u, guyyaa jalqabaa, mukaafi buuyyoo dhiheessuu; guyyaa lammaffaa, galma dongoruun ijaaruu; guyyaa sadaffaa, galma afaan gooduun maqaa baasuudha. Sirna booda, sangaa jila qaluun erga ariirratanii booda handhuurraa bobbaasuun jila obbaasu. Maqaaleen jila kanaan ilma angafaaf moggaaffaman immoo, maqaalee akka aadaatti beekaman: Liiban, Boruu, Areeroo, Diida, Dhadacha, Guyyoo, Nuurtuu, Soraa, Waaqoofi Dooyyoodha. Akkasumas, ilmi angafni osoo akaakuun lubbuun jiruu sirni maqbaasaa yoo gaggeeffameef, maqaa akaakuutu moggaaffamaafi. Haala kana keessatti, yoo akaakuun maqaa maandhaa qabaate, ilma angafaaf maqaan maandhaa kan moggaaffamuuf ta‟a. Maqbaasni kunimmoo falaasama, dinagdee, hawaasummaa, aadaa, safuufi safeeffannaa uumaafi uumamaa hawaasichaa kan ibsuudha. Kanaaf, mootummaafi qorattootni kallattii garagaraan qorachiisuufi qorachuun barreeffamaan olkaa‟uu feesisa. Hawaasichis aadaa maqbaasaa isaa kana kunuunfachuun haala asilummaa isaa eegeen dhalootaa dhalootatti dabarsuun gaarii ta‟a.

Visit

doi.orgjournals.arsiun.edu.et

Languages

KaanKhanaMadaMbayNdauOromoOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Tags

Sirna, maqbaasa, gubbisa, Oromoo Booranaa, ilma angafaa, Onomaastiksii

Licenses

Academic Free License v1.1http://opensource.linux-mirror.org/licenses/afl-1.1.txt

Similaires

XIINXALA SIRNA GUDDIFACHAA DAA"IMMANII OROMOO GODINA BAALEE AANAA SINAANAAXIINXALA LOOGA BOORANAA SAGALEE-JECHAARRATTI XIYYEEFFATEQAACCESSA ADDADDUMMAA LOOGAWWAN OROMOO BOORANAA FI ARSIIXiinxala Caasaalee Durduriiwwan Oromoo: Oromoo Maccaarratti XiyyeeffachuunGahee Dubartootni Oromoo Sirna Gadaa keessatti QabanQAACCESSA QABIYYEE FAARUU GAALAA OROMOO GABRAA: GODINA BOORANAA AANAA GUCHII

XIINXALA SIRNA GUDDIFACHAA DAA"IMMANII OROMOO GODINA BAALEE AANAA SINAANAA

Kaayyoon qorannoo kanaas sirna guddifachaa daa"immanii qaaccessuudha. Qorannoon kun saxaxa qorannoo

XIINXALA LOOGA BOORANAA SAGALEE-JECHAARRATTI XIYYEEFFATE

Kaayyoon Gooroo qorannoo kanaa, Looga Booranaa sadarkaa sagalee hanga jechaatti jiru xiinxaluudha. K

QAACCESSA ADDADDUMMAA LOOGAWWAN OROMOO BOORANAA FI ARSII

Axeerera Qorannoon kun adda addummaa looga Booranaa fi looga Arsii ji

Xiinxala Caasaalee Durduriiwwan Oromoo: Oromoo Maccaarratti Xiyyeeffachuun

Qorannoo gooroowwan afoolaa keessatti caasaalee isaanii qorachuun qindaa’ina, adeemsa seeneffamaafi

Gahee Dubartootni Oromoo Sirna Gadaa keessatti Qaban

Kaayyoon qorannoo kanaa ‘Gahee Dubartootni Oromoo Sirna Gadaa Keessatti Qaban Xiinxaluudha. Ka’umsi

QAACCESSA QABIYYEE FAARUU GAALAA OROMOO GABRAA: GODINA BOORANAA AANAA GUCHII

AXXEEREERA Qorannoon kun mataduree'Qaaccessa qabiyyee Faaruu Gaalaa Oromoo Gabraa Godina Booranaa Aa