Ogwalaloowwan Afaan Oromootiin barreeffamanii uummata bira ga'an hedduu yoo ta'anillee,
gama yaaxxinna dhugoominaa irraatti xiyyeeffachuun qorannoon yoo irratti adeemsifamu
bal'inaan hinmul'atu. Kanaafuu, qorannoon kun yaaxxina dhugummaarratti hundaa'uun kan
gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon qaaccessa ogwalaloo Utuu fi Aanoleef
Beenyaa kitaabbilee ogwalaloo Utuu fi Aanoleef Beenyaa jedhaman keessatti barreessitoonni
ogwalaloo lamaanii dhugummaa gargaaraamuun siyaasdiinagdee, aadaa, duudhaa, seenaa,
amantaa, afaan fi hawaasummaa akkasumas haala jiruufi jireenya uummata Oromoo
ibsuuf yaalan ija yaaxxina dhugummaatiin ibsuudha. Akkasumas, itti fayyadamni afaanii,
jechootafi malleen dubbii ogwalaloo Utuu fi Aanoleef Beenyaa keessa jiru haala kamiin akka
ibsaman addeessudha. Kaayyoo qabatee kana bira ga'uuf, qoratichis mala sakatta'a
yookaan xiinxala barruutti dhimma ba'uun ogwalaloo lamaan gadi fageenyaan dubbisee
odeeffannoo barbaachisan funaaneera. Odeeffannoowwan funaanaman kanas, ulaagaalee
yaaxxina dhugummaa irratti hundaa'uun dhimmoonni gama siyaas-diinagdee, bulchiinsaa,
aadaa, duudhaa, seenaa, afaan, amantaa, qabeenyaafi qaroominaa akkasumas haala jiruufi
jireenya uummata Oromoon dhiyaatan ibsameera. Adeemsa xiinxalaa kana keessattis,
dhimmoonni ogwalaloo filataman keessa jiran haala qabatamaa addunyaa dhugaa keessatti
mul'ataniin hangam akka wal-simatan wal-biraa qabuun xiinxalamaniiru. Haaluma kanaan,
dhimmoonni hojii kalaqaa tokko keessatti dhiyaatan karaa haqummaa of keessaa qabaniin
dhiyaachuu akka qaban yaaxxinni dhugummaa lafa kaa'eera. Kunis sakatta'a barruu jalatti
bal'inaan kaawwamee jira. Yaaxxina dhugummaa kana bu'uureffachuun ragaalee ogwalaloo
keessaa funaanamanis xiinxalamaniiru. Dabalataanis, rakkoowwan uummata Oromoorra
kallattii garaagaraan irra ga'aa turan karaa qabatamoofi hubatamuu danda'aniin
ogwalaloowwan xiinxalaman kana keessatti kan dhiyaatan ta'uun isaanii bira ga'ameera. Gama
biraatin, haala xiinxala waliigalaa taasifameen hanqinaaleen hojiilee walaloo kana keessatti
mul'ataniifi maalta'uu akka qaban waliin dhiyaataniiru.2