Kaayyoon qorannoo kanaa Afseenaafi gochaalee goota Fatansaa Iluu xiinxaluudha. Qorannoo kana geggeessuudhaaf ka’umsi afseenaafi goochaaleen Fatansaa Iluu kanaan dura beekumsa afaaniin daddarbaa ture qorannoo kanaan gara barreeffamaatti jijjiiruun beeksisuufi jajjabeessuun gara fuula duraatti afseenaan isaa bifa barreeffamaan qindaa’ee ta’uun itti fufiinsa akka qabaatu gochuudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf, malli qorannoo dhimma itti bahame akkamtaa yoo ta’u, gosti qorannichaa ammoo addeessaadha. Qorannoo kana geggeessuu keessatti maddi ragaa tokkoffaafi lammaffaan hojiirra oolaniiru. Tooftaa kana keessatti ammoo malli iddatteessuu kaayyeffataafi eerumsaa/darbaan dabarsaa filatamani jiru. Ragaan qorannoo kanaaf barbaachisan mala afgaaffii, marii gareefi dookimantii sakatta’uun funaaname mala qulqulleeffataan hiikamuun ibsamee jira. Qorannoo kanarratti odeefkennitoonni hirmaatan maanguddoota, ogeessota Waajjira Aadaafi Turiziimii Aanaa Yaayyoofi ogeessota Waajjira Aadaafi Turiziimii godina Iluu Abbaa Boor. Ragaa qorannoo kanaaf barbaachisu malleen olitti ibsameen funaaname akkaataa kaayyoo gooreetiin qaacceffamanii jiru. Haaluma kanaan hojiiwwan qorannoo kanaan bira gahaman keessaa, afseenaafi gochaalee Fatansaa dhaloota isaa irraa qabee hanga lubbuun isaa darbuutti maal akka tureefi hojiiwwaan jajjabduu inni hojjetee darbe agarsiifamee jira. Akkasumas, akkaataa inni gara biyya bulchuutti dhufe karaa dur uummanni barameen osoo hin taane humnaan akka ta’e garuu ammoo, bara bulchiinsa isaa keessa daangaan Iluu humna nafxanyaan akka hin cabneef nufffii tokko malee akka hojjetaa ture bira gahameera. Hojiiwwan bara bulchiinsa Diimaa Caalii inni hojjetee ittiin beekame hoogganaa humna waraanaa/abbaa duulaa ta’ee tajaajiluun hawaasa biratti beekamtii guddaa argatee akka ture raga xiinxalamerraa arguun danda’ameera. Bara bulchiinsa isaa keessa ammoo tokkummaa uummataa duraan laafee ture ni cimse, muudama adda addaa kennuun biyya geggeesseera, lola sirni nafxanyaa yeroo adda addaa kallattii jijjiiruun yeroo shaniif Iluu humnaan cabsuuf dhufe irratti injifannoo marsaa tokkoffaa hanga marsaa afuraffaatti walitti fufiinsaan mo’achuun ofirraa deebisee akka ture arguun danda’ameera. Dirree lolaa hunda irratti ajajuu irra darbee ofii isaatii dura bu’uummaan lolee lolchiise. Kana malees, afseenaafi gochaaleen isaa bu’aa maalii akka buuseefi faayidaa afseenaa qabu ibsuun dhuma irratti, afseenaafi gochaaleen Fatansaa ogeessota waajjira aadaafi tuurzimii, maanguddootaafi namoota waa’eesaa beekan tokko tokko qofa bira waan jiruuf osoo xiyyeeffannoon itti kennamee haalli ittiin dhaloota barsiisan mijatee gaarii ta’a