Axeerera
Qorannoon kun mata duree "Ergaa Haasaa Abbootii Gadaa Jila Baalli Walii Dabarsuu Keessatti taasisan, Haala Godina Baalee Aanaa Diinshoo" xiinxaluu irratti kaayyeeffatee kan gaggeeffame dha. Saxaxni qorannoon kun hordofe saxaxa qorannoo ibsaati. Maddi raga qorqnnoo kanaa madda raga tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Isaanis maddi raga tokkoffaa maanguddoota, ogeeyyii waajjira Aadaafi Tuuriizimii aanaa Diinshoofi ogeeyyii waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Baalee yoo ta’an akka madda ragaa lammaffaatti kan tajaajilan ammoo barreeffamoota sirna Gada irratti barreeffamaniidha. Malli filannoo ragaa kennitoota kanaas miti carraa keessaa akkayyoofi darbaa dabarsaa fayyadamuun gandoota aanaa Diinshoo Shaniifi namoota dhiira 12 fi dubartoota 8 fudhachuun xiinxalameera. Akkasumas meeshaalee ragaan ittiin funaanamee mala daawwannaa, afgaafii, marii gareefi sakkatta’a dookumantiin funaanamee xiinxalame. Rgaaleen qorannoo kanaa mala akkamtaatti fayyadamuudhaan gadfageenyaan xiinxalamaniiru. Xiinxala ragaalee keessatti ragaalee ulaagaan abbootii gadaa Sikkoo mandoo itti gadooman, adeemsi jila wal harkaa fuudhiinsa aangoo fi qabiyyeen haasaa abbootii gadaa jila baallii dabarsuu irratti kan xiinxlame yoo ta’uu, ergaan haasaa abbootii gadaa duudhaafi aadaa hawaasaa cimsuu, hawawaasummaa cimsuu, diinagdee guddisuu, nagenya hawaasaa eegsisuu, tokkummaa hawaasaa cimsuu, bulchiisa hawaasaa ammayyeessuu, siyaasa hawaasaa guddisuufi amantaa hawaasaa kabachiisuu keessatti gaheefi faayidaa olaanaa qabaachuun isaa xiinxalamuun bu’aa qorannoo kanaa ta’ee argameera. Dhumarratti qorattuun qorannoo kanaa sirnni gadaa sikkoo mandoo cimee akka itti fufuufi hawaasni Oromoo Godina Arsii, Baaleefi Baalee bahaa laga Waabee cimnaa jira aadaa isaanii akka jabeefatanii itti fayyadamaa ta’e qaamni dhimmi ilaallatuufi qaamooleen qooda fudhattota ta’an hundi gahee isaanii bahuu akka qaban. Akkasumas WATAfi WATG, akkaumas qooda fudhattoonni gahee irraa eeggamu bahuu qabu jechuun, yaada furmaataa ta’uu danda’a jettee yaadde kaa’uun qorannichi goolabameera. 1