Logo Lanfrica

Ijaarsa Caasaalee Walaloo Sirboota Afaan Oromoo Filataman Keessatti

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
DheAshFi
Éditeur:
Afr
Hôte:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa haala ijaarsa caasaalee walaloo sirboota Afaan Oromoo filatamanii keessatti argaman xiinxaluudha. Kaayyoon kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatu hojiira oole. Qorannoon kuni gosa qorannoo ibsaa ta’ee, maddi ragaa qorannoo madda ragaa tokkoffaadha. Ragaaleen qorannichaa walaloo sirboota Eebbisaa Addunyaa mata-duree ‘Arrabaan, Geerarsa, cidha’ Jimaa Galataafi Hawwii ‘Gundoo Booree’ kan jedhaman irraa kan funaanamanidha. Ragaaleen afeewwan sirboota filataman irraa walitti kan qabamanidha. Malli iddattoo askeessatti dhimma itti bahame mala kaayyefataan kan argamanidha. Qorannichi yaaxina qorannoo caasaan bu’uureffatee adeemsifame. Bu’aan qorannichaa akka argisiisutti caaseffamni ijaarsa birsaga sarara tokko keessatti jiran irra caalaan birsaga (7/7, 8/8) kanneen qabanis nijiru. Dabalataanis, birsaga (7/8, 7/6) irraa walitti kan dhufaniidha. Kallattii biraan immoo buufata sararoota jidduutti immoo garaagarummaa birsaga tokkoo yookiin lamaa walcaaluun kan uumaman ta’uu bira gahameera. Walaloon sirboota Afaan Oromoo filataman kuni birsagoota sarara tokko keessaa baay’ina isaan irraa ijaaraman isheen xiqqoon birsaga (5/5) inni guddaan immoo birsaga (8/8) akka ijaaraman xiinxala kanaan bira gahameera. Caasaan ijaarsa sagalee eddeebii dubbifamaa sarara tokko keessatti jalqabaafi jidduutti kan argaman ta’uu bira gahameera. Buufata walaloo sirbaa Afaan Oromoo keessatti irra deddeebiin sagalee dubbifamaa jiran bakkaa dhaabbataafi sagalee walfakkaataan deddeebi’amuu akka indandeenye qorannoo kanaan adda kan baheedha. Haalli ijaarsa caasaa walaloo sirbaa irraa ijaaramu inni biraan deddeebii jechoota waliif faallaa ta’aniin ijraamuu danda’uu isaaniiti. Kana malees, caasaan ijaarsa walaloo sirboota filatamanii kana keessatti himoota yaada hiika walfakkaataafi hiika tokko qaban irraa kan ijaaraman ta’uu adda kan baheedha. Kanumarraa ka’uun qorattootni biroon haala ijaarsa caasaalee walaloo sirboota Afaan Oromoo biroo qorachuun gumaacha akka taasisan dhaama.    English title: The Construction of Poetic Structures in Selected Oromoo Songs The purpose of this research is to analyze the structure of poetic structures in selected Oromoo songs. Research design used to achieve this objective was descriptive, and the source of the data is the primary source of evidence. The data were collected from the poems of the songs of Eebbisaa Addunyaa entitled ‘Arrabaan, Geerarsa, cidha’ by Jima Galata and Hawwii ‘Gundoo Booree’. Evidence of invitations is collected from selected songs. The statistical methods used in the assay are obtained by objective methods. The research was conducted based on a structured research design. The results show that there are also those with most of the sentence construction structures in a line (7/7, 8/8). In addition, they are connected from the phrase (7/8, 7/6). On the other hand, it was found that the stations between the lines were formed by a difference of one or two sentences. The analysis revealed that the poems of the selected Oromoo songs are composed of the smallest number of verses in a line (5/5) and the largest verse (8/8). It was found that the structures of the consonant repetitions are located at the beginning and in the middle of a line. The study identified that the repeated sounds in the Oromoo song poetry station cannot be repeated in the same position and sound. Another feature of the structure of song poetry is that they can be formed by the repetition of opposite words. Furthermore, the poetic structure of the selected songs is composed of sentences with the same meaning. Hence, he urges other researchers to contribute by studying the structure of other Oromoo poetic structures.

Similaires