Logo Lanfrica

GAHEEWWAN MIIDHAGINAAFI FAAYA AADAA DUBARTOOTA OROMOO ARSII LIXAA AANAA KOKKOSAA

Domaine:

education

Type de record:

paper
Créateur:
HAS
Éditeur:
BIR
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Axeerara
Qorannoon kun mata-duree “Gaheewwan Miidhaginaafi Aadaa Faaya Dubartoota Oromoo Arsii Lixaa
Aanaa Kokkossaa” jedhu irratti kan gaggeeffame. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas gaheewan aadaafi
miidhaginaa faaya dubartoota Oromoo Arsii Aanaa Kokkossaa adda baasuufi galmeesanii kaa’uudha.
Malli qorannichaa mala akkamtaa (qualitative) yoo ta’u, tooftaalee iddatteessuu darbaa dabarsatti
fayyadameera. Meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, daawwannaafi marii gareettin
ragaalee funaanaman tooftaalee qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffamaniiru. Ragaalee qorannoo
kanaa madda ragaalee tokkoffaadha. Maddi ragaalee tokkoffaan dubartoota meeshaalee aadaa faaya
dubartootaa irratti beekumsa gadfagoo qabaniifi jaarsota sirna ateetee goraa keessatti dubbii qora
fuudhanii araarsuun beekkamaniidha. Haala kanaan gaheeewan midhaginaafi aadaa meeshaalee faaya
dubartoota Anaa Kokkossaa hedduun xinnaachaa kan jiran ta’anillee faayyi shamarran godhataniifi
haawwotaas addaa addummaa qabu. Meeshaalee faayaa kunneen halluu hiika fakkoommii adda addaa
qabaniin kan faayamaniidha. Kanneen keessaa halluun diimaan fakkoommii gootummaa; halluun adiin
mallattoo nageenyaa, keelloon miidhagina abaaboo, cuquliisni bifa waaqaa ta’uun mallattoo qulqullinaa
agarsiisu. Faayyi dubartoota Aanaa Kokosaaa miidhagina agarsiisuun gamattis hiika kanneen akka
dubartiin haadha gootaa ta’uu, haadha jaalalaa yookaan faayaa ta’uun, sirna bulchiinsa gadaa keessattis
lootuu teepha bakka shanitti roga qabsiisuun mataa irratti yoo fayyadamtu sirnicha keessatti qooda
qabaachuu ishee kan agarsiisuudha. Dubartoonni nageenya buusuu keessattillee iddoo olaanaa qabu.
Meeshaan faaya dubartootaa kunneen hedduun isaanii yeroo ammaa kanatti dhabamaniiru. Kan maqaa
malee qabatamaan barbaadanii argachuu hin dandeenne baay’ee waan ta’aniif waajjirri aadaafi Turizimii
Aanichaa madda isaanii ganamaa irraa faana dhayamanii ogeeyyotaan dalagamanii akka bakkatti
deebi’aniif shoora isaa bahachuu qabu7

Similaires