Mata dureen qorannoo kanaa moggaasa maqaa namootaa Oromoo Godina Arsii
Lixaa Aanaa Shaashamanee Gandoota akka Watara Dhaamotaa. Harabaatee
shumbaa Abaaroo fi Aradaanoo Shifaa irratti Kan hundaa’e yommuu ta’u,
kaayyoon qoranichisa akkaata moggaasa maqaa namoota aanaa kanaa qaaccessuu
dha. Kayyoon gooroo qorannoo kanaatis. Maalummaa moggaasa maqaa namootaa
ibsuu, akkaataa moggaasni maqaa namootaa ittii moggaaffamu addeessuu,
Walittidhufenya aadaa Oromoo fi moggaasa maqaa jedhuu jiru tarreessuu,
moggaasa maqaa fi amantaa jidduu garaagarummaa jiru addeessuu. Moggaasni
haala akkamii keessa akka jiru addeessuu dha. Daangaa qorannoo kanaa godina
arsii lixaa aanaa Shaashamannee gandoota afur irrattii kan daanga’u, yommuu ta’u,
malli qorannoo kanaa mala qorannoo akka mtaati.Sababbiin isaas qorannoon
akkamtaa odeeffannoo bifa jechaatiin funaannaman haala ibsaatiin addeessuuf kan
gargaaru wana ta’eef dha. Qorannoon kun iddattoo miti carraa yookiin keeyyaffataa
fayyadamuun namoota gandoota afurii keessaa dhi 7 dubara 7 waliigalatti namoota
14 irraa odeeffannoon bifa garaagaraatiin erga irra funaannamaniin booda boqonnaa
afur keessatti qaacca’aniiru. Cuunfaan qorannoo kanaa immoo moggaasni maqaa
akka aanaa Shaashamanneetti karaalee adda addaatiin fakkeenyaaf yeroo irratti,
haala qabatamaa fi akkaataa ayyaanaa daa’imman sun itti dalatte irratti hundaa’uun
kan moggaafamu ta’u isaatiif yeroo ammaa kana sababbii amantii adda addaa irraa
kan kaa’e moggaasni maqaa namootaa kun kan aadaa Oromoo irraa adda ta’uu isaa
qorannoo keessatti bifa cuunfaatiin taa’eera. Argannoo qorannoo kanaa immoo
moggaasni maqaa aanaa Shaashamannee kun sababbii siyaasaa fi amntii irraa kan
ka’e, kallattii kan gadi dheeseeru yommuu ta’u, yaanni furmaataa immoo qaamonni
dhimmi ilaallatan kanneen akka waajira aadaa fi turiizimii aanichaa dirqamaa
isaanii akka ba’uu kanan kan ibsa.2