Logo Lanfrica

QAACCESSA FAYYADAMA AFOOLAA SIRNA GUMAA FIXUU OROMOO ARSII LIXAA AANAA QOREE KEESSATTI

Domaine:

natural language processing
Créateur:
GUU
Éditeur:
Bar
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa fayyadama afoolaa sirna gumaa fixuu Oromoo Arsii aanaa Qoree qaaccessuu irrattidha. Qorannoo kana gaggeessuuf kan qorataa kakaase afoolli bartee aadaafi duudhaa uummataa baatee afaaniin himamaa dhalootaa dhalootatti kan darbaa tureefi ammas darbaa jiru haata’uu malee, haala walfakkaataa ta’een darbaa hin jirre waan ta’eef barreeffaman galmaa’ee dhaloota ammaa biratti akka hubatamuuf yaadameeti. Kanuma irraa ka’uun, qorataan gaaffilee bu’uuraa qorannichaa gosoota afoolaa, faayidaa afoolaa, haala fayyadamaafi yoomessa afoolaa sirna gumaa fixuu Oromoo keessatti qabu qaacceffameera. Daangaan qorannichaa hawaasa Oromoo Arsii Lixaa aanaa Qoree keessa jiraatan irratti yemmuu ta’u, matadureen qorannichaa qaaccessa fayyadama afoolaa sirna gumaa fixuu irratti kan daangeeffameedha. Kana milkeessuuf immoo, qorataan iddattoo isaa mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkayyoo fayyadamuun odeef-kennitoota filachuun ragaalee qorannoo isaa funaannateera. Haaluma kanaan, jaarsotni dubbii jaarsummaa sirna gumaa fixuu yemmuu dubbatan odeeffannoo karaa af-gaaffiifi daawwannaatiin funaannaman qindeeffamee qaacceffameera. Argannoon qorannoo kanaa immoo dubbii jaarsummaa keessatti gosoota afoolaafi faayidaa afoolaa keessumaa kanneen sirna gumaa fixuu keessatti tajaajilan faayidaafi yoomessa qabiyyeewwan isaanii irratti hundaa’uun qaacceffameera. Faayidaan afoolaa keessumattuu jaarsotni dubbii jaarsummaa sirna gumaa fixuu keessatti kan wallaale ittiin barsiisuuf, kan jallate ittiin qajeelchuun, kan aaree dallane immoo ittiin tasgabbeessuun mala dubbii sana ittiin araarsan ta’uusaati. Akkasumas jaarsotni dubbii jaarsummaa sirna gumaa fixuu yemmuu dubbatan dhama lamaan warra gumaa ta’an gorsuun ittiin taasgabbeessuufi amansiisuuf jalqaba irratti eebbaan dursuun dubbii keessatti makmaaksota ergaa bal’aa qaban fayyadamuun araara kan buusan ta’uun beekkamaadha. Haaluma kanaan, qabiyyeewwan fayyadama afoolaa sirna gumaa fixuu keessaatti araara ittiin buusuun nageenya hawaasaa tasgabbeessuuf beekumsa hawaasaa guddaa ta’ee osoo jiruu xiyyeeffannoo waan itti hinkennamneef qaamota garaagaraatiin fuuldulduratti maal ta’uu akka qabu yaboon kaawwameera.4
 

Similaires