Logo Lanfrica

XIINXAALA QAYYA GODINA ARSII LIXAA AANAA GADAB HASAASAA

Domaine:

socioeconomic
Créateur:
HAA
Éditeur:
Maa
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Dubartoonni Oromoo karaa ittiin faayamanii mul’atan heddu qabu.Isaan keessaa qayyi isa tokko dha.Qayyi aadaa dubartoonni faayamanii ittiin eenyummaa isaanii calaqsiisanii dha.Haata’u malee, aadaan kun yeroo ammaa laafaa dhufeera.Akkasumaas, qorannoon bal’aan mata duree irratti hojjatame hin jiru.. Kanaaf,Kaayyoon ijoon qorannoo kanaa qayya Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa haala qabatama aanaa ilaaluun xiinxalameera. Maddi ragaalee qoranno kanaaf ta’uus,kan qindaa’e hawaasa keessatti odeeffannoo kennitoonni jaarsoolii, jaartoolii fi dubartoota qacalee faayidaa qayya beekan, akkaata itti qayyatan fi meeshaalee qayyaaf barbaachisan beekan namoota-17 irraa odeeffannoo funaanuun mala akkayyoo fi mala darbaa dabarsaattii fayyadamuun mala qorannoo akkamtaatti dhimma bayameera. Malli ragaalee ittiin funaannamees af-gaaffii, marii garee fi dawwannaatti fayyadamuun ragaalee barbaachisu waraabbii sagalee fi suur-sagaleetiin funaanuun barreeffamaatti jijjiiruun qacceeffameera..Argannoo qorannichaa irratti hunda’uun WaajjirriAadaa fiTuriizimii godahambaa jaare meeshaalee qayyachuuf barbaachisanii fiboolla qayya qopheessuun aadaan akkabanne tursiisuun daawwachisuu qaba. Haalumawalfakkaatuun BBO sirna barnoota keessatti hammachiisuun barbaachisaa dha.Waajjiirri Dhimma Dubartootaa Dargaggootaa fiDaa’immanii hubannoo uumuu irra eegmaa.Walumaagalaatti aadaan qayya dubartoota akka hin banne qaamoonni dhimmi ilaalu dhaloota dhufuu dabarsuun barbaachisa. 4
 

Similaires