Kaayyoon qorannoo kanaa ‘’Qaaccess Sirna Seera Aaloo dubbii jaarsummaa Oromoo Godina Arsii Lixaa haala Aanaa Gadab Hasaasa’’ jedhu keessatti adeemsaa, akkasumas jilbi aaloo galtee maal akka fakkaatuufi akkamitti akka raawwatu qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuufis, mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahee jira. Mala funaansa ragaalee ilaalchisee, afgaaffii, waraabbii, daawwannaa, marii gareefi yaadannoo dirreetiin funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru. Kana malee waraqaan kun bu’aa qaaccessa seera aaloo galtee jaarsummaan mala karaa aadaatiin galtee furuu Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaarratti kan xiyyeeffate waan ta’eef, bu’uuruma kanaan aanaa kana keessatti battalli dubbii jaarsummaa shan ilaalaman keessaa afur irraa ragaaleen karaa maloota funaansa odeeffannoo armaan oliitiin guuraman mala maleenyaa xiinaadaa (socio cultural approach) tiin qaacceffamaniiru. Bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, adeemsi sirna aaloo jaarsummaa caasaa yaa’a dubbiifi caacculee /elements dhaabbataa mataa isaa kan qabu ta’ee, hariiroo dubbii isaanii keessatti ga’een abbaa murtee olaanaa ta’uufi jaarsonni galtee furuuf tooftaawwan adda addaa kan fayyadaman ta’uu isaati. Kana malees, qabiyyeewwan dubbii jaarsummaa kanneen akka dubbii banuu, eebbaa, cokaa, gungumaafi adeemsaawwan galtee ciccimoo akka lubbuu namaafi galtee lubbuu namaa hin taane jaarsummaan duraa duubaan kan dhiyaatan ta’uun qaama argannoo kanaati. Kan biroo ammoo adeemsi jaarsummaa guutuun isaa yoo dabe seera aalootiin murtii qabaachuu isaati. Dabalataan, jilbi aaloo murtii galtee adda addaa namoota irratti fudhatamuu humana namoota giddugaleessa godhamee aaloon itti waan nannayamuuf sirni kun bu’a qabessa ta’uu isaati. Galteen tokko tokkos kan akka; haraamuu, mana namaa ugguu ademsi sirna fixiinsa isaanii dhiibbaa xinsammuutiif nama saaxiluu isaati. Fayyadama afaanii kanneen akka ibsootaafi mammaaksotaa fayyadamuun galtee kan hiikan ta’uufi kun ammoo guddina aadaafi afaan Oromoo keessatti gumaacha mataa isaa kan qabu ta’uu isaati. Inni biraan, dubbiin jaarsonni seeraan fudhatanii battala qabatanii hindubbatin fudhatama hinqabdu. Jaarsonni galtee naannoo isaanitti uumamte waan safeeffataniif callisanii kan hinilaalleefi aaloo kanaan duraa akka muuxannootti fudhatanii rakkoo furu. Bu’uuruma kanaan dhimmoonni argannoo armaan olii keessatti ka’an nagaafi tasgabbii hawaasa naannichaa keessatti buusuun cinatti, gama hawaas-diinagdee ummatichaa keessatti yeroofi qabeenya isaanii osoo hinqisaasessin galtee isaanii waan furataniif qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo itti kennuun osoo jajjabeesseen yaboo qorannoo kanaati.