Qorannoon kun Qaaccessa Malleen Dubbii Geerarsa Weellisaa Umar Suleeyman keessatti argaman qaaccessuu yoo ta’u, geerarsoota filataman dhageeffachuun odeeffaannoo barbaachisan walitti qabamaniiru. Tooftaan iddatteessuu ammo iddatteessuu akkayyooti. Qaaccessa ragaalee taasifameen geerarsoonni filataman malleen dubbii adda addaatti bal’inaan kan gargaaraman yoo ta’an, isaanis kanneen akka nameessaa, akkasaa, bakkasaa, arbeessuu, habalaka, irradeddebii/fakkoo, eemitii, mallattoo dha. Malleen dubbii kunniins faaydaawwan adda addaa geerarsootaaf akka buusan kan irra gahame yoo ta’u, isaanis: namoonni umrii garaagaraa keessa jiran miiraan akka dhageeffatan taasisuu, geerarsoonni godinaalee Oromiyaa hunda keessatti xiyyeeffannoo akka argatu taasisuu, saala lachuu kan hirmaachisan waan ta’eef, dhiiraafi dubartii biratti fudhatama guddaa akka argatu iaasiseera. Akkasuma malleen dubbii geerarsoota keessatti argaman ergaawwan akka gootummaafi tooftaa Oromoon lola keessaatti qabu hubachiisuu, Oromoon diinaan akka hin moo’amne agarsiisa, injifannoo gonfachuuf tokkummaan akka barbaachisu hubachiisa, qabsoo Oromoo keessatti gahee dubartootaafi gootummaa isii mul’isuufi qabsoon bu’aa ba’ii heddu qabaachuufi salphaatti injifannoon akka hinargamne tahuu dha.