Logo Lanfrica

XIINXALA DHAAMSA JEEKKARSA WAAQEFFANNAA OROMOO QABIYYEEFI BIFIYYEEN: NAANNAWA MAGAALAA SHAASHAMANNEE

Créateur:
WOY
Éditeur:
TAF
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala dhaamsa jeekkarsa Waaqeffannaa Oromoo Godina Arsii Lixaa naannawa Magaalaa Shaashamannee kan galma hordoftoota amantii Waaqeffannaa Malkaa Odaafi Bishaan Gurraachaa qaaccessuurratti kan xiyyeeffateedha. Jeekkarsi amantii Oromoo kunis sadarkaa isaa eeggatee faarfamuu utuu qabuu Oromoota hedduu biratti takkaayyuu dagatamee yookaan jallifamee argama. Ragaa gahaa argachuudhaaf malleen funaansa ragaalee kan akka afgaaffii, daawwannaafi marii gareen kan gargaarame yoo ta’u, Ragaalee argaman gara barreeffamaatti jijjiiruun ibsaan hiikaan/addeessuun dhiyeessuun mala qorannoo yoo ta’u, saxaxnisaa ammoo akkamtaadha. Kanaanis argannoodhaan jeekkarsoota Waaqeffannaa gara kudha-afurii ta’an argamuun dhaamsisaaniifi akkaataan itti dhiyaatan ibsameera. Akkaataa jeekkarsi itti jeekkaramu, nagaa gaafachuun kan jalqabaman, isaan unka gaggabaaboofi dheeroo qaban, kanneen rukuttaa manaa qabaachuuniifi qabaachuu dhiisuun jeekkaraman galmatti kan jeekkaraman ta’uu, jeekkarsi dhaamsa akka uumaa galateeffachuufi kadhachuu, uumamas leellisuu, barnoota dabarsuufi dhugaa tiksuufi cimsuu ta’uusaa, dhiiraa dubarri, xiqqaa guddaan martuu jeekkarsatti kan hirmaatuu danda’an ta’uusaa, jeekkarsi yeroo sagantaa galmaa irra caalatti ganamaa haajeekkaramuu malee yeroo ayyaanotaafi wadaajaas manattis ta’ee manaan ala muka jalatti gara guyyaas ta’ee galgalallee kan jeekkaramu ta’uufi akka hawaasa naannootti dagatamee kan hafe ta’ullee Waaqeffattoonni deebisanii galmatti cimsaa jiraachuu hubatuun danda’ameera. Isaan kana bal’inaan osoo qorannoon irratti godhamee seenaaf taa’ee dansaadha. 6

Similaires