Logo Lanfrica

XIINXALA MOGGAASA MAQAA MISIRROO: HAALA GODINA BAALEE, AANAA AGAARFAA

Créateur:
NAG
Éditeur:
Bar
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Qorannoon kun xiinxala moggaasa maqaa misirroo haala Godina Baalee, Aanaa Agaarfaa irratti kan gaggeeffameedha. Qorannoo kana hojjachuuf kan na kakaase sirni moggaasa maqaa kun irraanfatamaa deemuu bira darbee gara baduuttii deemaa jiraachuu isaa hubadheen osoo qoratamee bu’aa olaanaa buusuu danda’a jedhee waan yaadeefi. Haaluma kanaan xiinxala moggaasa maqaa kanaaf malli qo’atichi itti gargaarame mala akkamtaa ykn qulqulleeffataati. Qorannoo kana galmaan gahuuf madda ragaa tokkoffaa iirraa iddoo sirnichi itti adeemsifamutti argamuun odeeffannoo manguddoota, haawwootaafi dargaggoota dhimma kana irratti hubannoofi muxannoo qaban irraa mala iddatteessuu miti carraa kan ta’an darbaa dabarsaafi akkayyoon filatamaniidha. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan ammoo meeshaalee funaansa odeeffannoo keessaa af gaaffii hin caaseffamin, daawwanna hirmaachisaafi marii garee xiyyeeffannoon wlitti qabuun danda’ameera. Akkasumas, qabiyyeen gurguddoon qo’atichi irratti hundaa’e adeemsa sirna moggaasa maqaa misirroo, haala maqaan keessatti bahuufi ergaa isaa , fakkoommii meeshaalee sirnicha irratti dhiyaatuufi eessaa akka argaman, ulaagaalee maqaan ittiin mirkanaa’u, faayidaa moggaasa maqaafi k.k.f kan ibsan yoo ta’u; qorannoo kana keessatti akka waliigalaatti wanti hubatame sirni moggaasa maqaa misirroo adeemsa mataa isaa danda’e kana qabu ta’uu, maqaan moggaafamus haala keessatti moggaafamuufi ergaa qabaachuu, sirnichi aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti warrooma, ilmoomaa, wayyoomaafi fira dhiigaa walii ta’uu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu isaafi dabalataanis sirni moggaasa maqaa kun akka duriitti gaggeeffamaa akka hin jirre bira gahamee jira. Yaadni akka furmaataatti lafa kaa’ames aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti sirni moggaasa maqaa faayidaa guddaa waan qabuuf maqaa misirroof moggaasanii ittiin waamuun namoonni aadaan kun badee akka hin dagatamne osoo itti fayyadamanii wayyaadha. Namoonni fuudhaafi heeruma gaggeessanis karaa ammayyaatiin osoo hin taane karumaan duraan gaggeessanitti kallattii aadaan wal qabateen osoo gaggeessanii bareedaadha. Jijjiiramniifi badiinsi sirna moggaasa maqaa misirroo irratti dhufu kana hambisuuf Waajjirri Aadaafi Turiizimii Aanaa Agaarfaafi manguddoonni, haawwonniifi dargaggoonni Ganda Amaallamaa dhimma kana irratti muxannoofi hubannoo keennuun kunuunsanii osoo dhaloota dhufuuf dabarsanii gaariidha. 4
 

Similaires