Logo Lanfrica

SAKATTA`A MOGGAASA MAQAA BAKKEEWWANII GODINA BAALEE AANAA DAAWWEE SARAR

Domaine:

socioeconomic
Créateur:
ISM
Éditeur:
Taa
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa sakatta`a moggaasa maqaa bakkeewwanii Godina Baalee Aanaa Daawwee Sarar Sakatta`uudha. Wanti qoraticha qorannoo kana akka gaggeessuuf sababa ta’e jijjiirama yeroodhaa yerootti moggaasa maqaalee bakkeewwanii irratti mul’achaa dhufeedha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf qorataan gosoota qorannoo keessaa qorannoo akkamtaa ibsaa fayyadamee jira. Sababni qoratichi gosa qorannoo kana fayyadameef gosti qorannoo kanaa haala moggaasa maqaa bakkeewwanii godina Baalee Aanaa Daawwee Sarar gadi fageenyaan mala kanatti fayyadamuun ibsa jedhee waan yaadeefi. Hirmaattoonni qorannoo kanaa hawaasa Aanaa Daawwee Sarari. Tooftaan iddattoo qoratichi bakka qorannoofi hirmaattota filachuuf itti fayyadame mala iddattoo akkayyoo,fi darbaa dabarsooti. Meeshaaleen funaansa ragaalee qoratichi ittiin ragaalee funaannate afgaaffiifi marii gareeti. Xiinxala ragaalee taasifame irratti hundaa’uun argannoowwan dhiyaatanii jiru. Moggaasni maqaalee bakkeewwanii Oromoo wantoota adda addaa irratti akka hundaa’u bira gahamee jira. Wantoonni kunis: taateewwan, maqaa namootaa,wantoota naannootti argaman,haala qilleensaa,maqaa gosaafi kan kana fakkaatan akka ta’e bira dhaqqabamee jira. Gama biraan dhiibbaan sirnoonni adda addaa moggaasa maqaa bakkeewwanii irratti fideen maqaawwan hedduun maqaa isaanii irraa jijjiiramuu irraa kan ka`een miidhaan qaamaaf lubbuun namaa hedduu akka wareegamee qabeenyi hedduun akka barbadaahe qorannoo kanaan bira gahamee jira. Itti dabalees, moggaasni maqaa bakkeewwanii Oromoo ibsituu eenyummaa, amantii, aadaa hawaasichaa tahuu qorannoo kana keessatti hubatamee jira. Dhumarrattis, argannoowwan qorannichaarratti hundaa’uun yaboon moggaasni maqaa bakkeewwanii ibsituu eenyummaa aadaa waan ta’eef waajjirri aadaafi turiizimiifi qaamni dhimmi ilaalu hundi akka hawaasni aadaa bu’uureffatee moggaasa maqaa bakkeewwanii moggaafatuufi akkasuma maqaawwan dhiibbaa sirnoota darbaniin jijjiiraman akka gara maqaa isaa kan eenyummaa isaa ibsuutti deeffatuuf osoo irratti hojjatamee gaariidha 4