Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

QAACCESSA ERGAA SIRBA GAA'ELA NAQATAA AANAA JIMMAA ARJOO

Créateur:
: B
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Gorsaan: Filee Jaallataa (PhD) Qorannoon mata duree ‘’Qaaccessa ergaa sirba gaa’elaa Naqataa Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Jimmaa Arjoo’’ ti. Gaaffileen bu’uuraa qorannichaa, sirbi gaa’elaa yoomeessa akkamii keessatti sirbama? Sirbi gaa’ela naqataa ergaa akkam akkamii ofkeessaa qaba? Wantootni aadaa sirna gaa’elaa aadaan raawwatamu keessatti hojiirra oolan hiika akkamii qabu? Sirbi gaa’elaa kun haala jiruufi jireenya uummataa keessatti faayidaa akkamii qaba? fuudhaafi heerumaa naqataan geggeeffamu keessatti jijjiiramniifi itti fufiinsi jiru maali? kanneen jedhan addeessuufi qaaccessuu fa’i. Qorannoon kun madda ragaa jalqabaa kan fayyadame yoo ta’u, jaarsolii dhimmoota gaa’elaa aadaan geggeeffamu irratti hubannoofi muuxannoo qaban mala iddatteessuu mit-carraa ta’ee akkayyootiin filatamanidha. Ragaaleen qorannichaaf barbaachisan immoo, malleen funaansa ragaalee keessaa afgaaffiifi, marii gareetti fayyadamuun funaanameera. Ragaaleen malleen kanaan walitti qabaman mala akkamtaa fayyadamuun qoqqoodamanii boqonnaa afur jalatti qaacceffamaniiru. Ragaalee qaacceffaman kanneen bu’uureffachuun sirbootni gaa’ela naqataa keessatti dhiyaatan yoomessa garaagaraa keessatti kanneen sirbamaniifi ergaa adda addaa kan dabarsanidha. Haala jiruufi jireenya hawaasichaa keessattis dhaloota barsiisuu, seenaa darbe yaadachisuufi miira keessoo ofii ittiin ibsachuuf kan faayidanidha. Wantootni aadaa sirna gaa’elaa keessatti hojiirra oolanis gulantaalee gaa’elaa sadii keessatti kan dhiyaatanidha., Fakkoommiiwwan wantoota aadaa kunniin akka barsiifataafi amanannaa hawaasichaatti hiikaafi ergaa adda addaa qabu. Ergaan isaanii inni bu’uuraa boruun gaa’ela ijaaramuuf deemuu akka milkaa’u ittiin tilmaamuudha. Duudhaa hawaasichaa keessattis faayidaa garaagaraa qabu. Sirna gaa’ela naqataarratti sababa dhiibbaawwaan garaagaraatiin jijjiiramootni tokko tokko mul’ataniiru. Keessattuu sirba gaa’elaa kan yeroo ammaafi yeroo durii irratti bal’inaan aragamu. Bu’aa qorannoo kanaan argannoon argame, fuudhiifi heerumni naqataan raawwatamu xiqqaachaa dhufeera. Sirbootni gaa’ela naqataa keessatti dhiyaatan ergaa adda addaa yoo qabaataniyyuu yeroo ammaa kana dagatamaa kan jiran ta’uu qorannoo kanaan bira ga’ameera. Akkasumas itti fayyadamni wantoota aadaa kan dagatamanidha. Yaboon qorannichaa immoo, sirna gaa’elaa hawaasicha biratti kabajamaafi jaallatamaa ta’e kana yeroo yerootti qorachuufi kunuunfachuun dhaloota dhaalchisuun gahee hawaasichaa akka ta’e ibsameera.

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

GaaGumuzKaanKhanaMadaMalaMbayOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Open Data Commons Attribution Licensehttp://www.opendefinition.org/licenses/odc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similaires

Xiinxala Ergaa Weedduu Arrabsoo Durbaa Yeroo Fuudhaafi Heerumaa, Guddina Hawaas-Dinagdee Keessatti: G/W/Bahaa, Aanaa Jimmaa Arjoo XiyyeeffateXiinxala Ergaa Geerarsa Dinagdee Oromoo Jimmaa JaawwiiQAACCESSA GUMAA DANUU: HAALA GODINA BAALEE, AANAA SINAANAAQAACCESSA FAARUU LOONII UMMATA OROMOO GODINA BAALEE AANAA AGAARFAAQAACCESSA HAFEE HAASBARRUU SIRNA KAADHIMACHUU OROMOO BAALEE, AANAA GOOBBAAXiinxala ergaa sirbootatapha gombisa fardaa keessatti sirbaman: Aanaa Jalduu irratti kan xiyyeeffate

Xiinxala Ergaa Weedduu Arrabsoo Durbaa Yeroo Fuudhaafi Heerumaa, Guddina Hawaas-Dinagdee Keessatti: G/W/Bahaa, Aanaa Jimmaa Arjoo Xiyyeeffate

Qorannoon kun ga’ee weedduun arrabsoo durbaa yeroo fuudhaafi heerumaa guddina hawaas-dinagdee cimsuu

Xiinxala Ergaa Geerarsa Dinagdee Oromoo Jimmaa Jaawwii

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa geerarsota dhimma dinagdee xiinxaluun addeessuudha. Maddeen ragaalee q

QAACCESSA GUMAA DANUU: HAALA GODINA BAALEE, AANAA SINAANAA

Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffate raawwii gumaa danuu: haala Godina Baalee, Aanaa Sinaanaa keess

QAACCESSA FAARUU LOONII UMMATA OROMOO GODINA BAALEE AANAA AGAARFAA

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyefi dhaamsa faaruu loonii Godina Baalee, Aanaa Agaarfaa keessat

QAACCESSA HAFEE HAASBARRUU SIRNA KAADHIMACHUU OROMOO BAALEE, AANAA GOOBBAA

Qorannoon kun mata-duree “Qaacceessa Haasbarruu Sirna Kaadhimachuu Oromoo Baalee Aanaa Goobbaa“jedhu

Xiinxala ergaa sirbootatapha gombisa fardaa keessatti sirbaman: Aanaa Jalduu irratti kan xiyyeeffate

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa sirboota gombisa fardaa aanaa Jalduu keessatti sirbaman xiinxaluudha.